Obbo Kaab Buttaa Ofitti deebi’uun Gammachuu Ibsate

Dhimma Marii aaraa Kan Marsaa Jalqabaa Biyya Tanzaaniyaa Keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa Ethiopia Gidduutti Taasifamee Har’a Xumuramuu Marsaa Tokkoffaa Kan Mootummaa fi WBO’nis Ibsa Baasun Beeysiserratti Obbo Khaab Buttaa Gammachuu Qabaatu ibsataa jira. Maaltu Akkas Isa Gammachiise laata? Wanti Addaa Kan Kaadiroonni Biroo Olola Oofaa Jiran Isaaf Kophaatti Maaltu dhalate?

Obbo Khaab Buttaa Yookaan Hordofaan Dhimma Marii Araara Mootummaa fi WBO kanatti Gammade

Mee Suuta Jedhaa Ilaalaa jechuun Dhimma Marii Araaraa Kan Marsaa kanaatin Bu’aan Argame Maali jedhaa of gaafadhaa. Marii Kanarraa yoo xiqqaate Oromoon Hulaa cufatee Torbaan Tokkoo Oliif Waliin Haasahaa Jiraachuun Diinota Keenya Rifaasisuun,Mariin Maalirra gahe jechuun Akka Gaafatan taasise. Kana Qofa Miti Mootummaa Ethiopia Kan Takkaa ABO Akka Dhaabatti Maqaa isaanii Yaamee beeyne Yaamsisee Akka Mariin Kuni Taa’amu Taasisee,Addunyaan Dhaaba Oromoof Lolaa Turetu Biyya San keessa ture jechuun Sababa Marii Araaraa Kana Miidiyaaleen Addunyaa Gurguddaan Irraa haasahaa jira. Kuni Akka Oromootti Nuuf Injifannoo Guddaa tokko. Kana qofa miti Oromoon Waan Waliin Dhabe malee waan Irratti wal dhabe akka hin qabne Wal hubachiisuun Marii Obboloota lamaan Giddutti Taasifame kanarraa Firaa miti Diinnuu Hubateera. Kanaafuu Kana Booda Waan Oromo gargar fageessu Tasuma Hin hojjannu Jechuunis Gorsa Ajaa’ibaa laatee,Namoota Maqaa Mootummaa Cehuumsaatin WBOrrati Ija Babaasuu fedhuufis Dubbii Ajaa’ibaa itti dubbata

Sheek Khaab Buttaa Dhimma Marii Araaraa Kanarraa Gammachuu qabaatu hima

Namoonni Deeggartoota Mootummaa of fakkeessuun WBO’n Mootummaa Ce’uumsaa gaafatte jedhee Olola oofuf Dubbiin Obbo Khaab Dubbatan Yaada Dabsaadha. Fakkeenyaaf Yaadadha Jarri Dhihoo kana Paarlaamaa Ethiopia keessatti Aangoo Maalif Gad hin dhiifne jechuun haafatanii,Kan keenya Garuu Naannoo Oromia a Hanga Filmaatatti Waliin Bulchina Jechuun Badii Maalii qabaaf iyyitan,jedhee Gaafii Gaafataa. Baga Gaafatan Gaafatamullee qaba jechuun Ilmaan Abbaa tokkootu Aango Waliin Bulchuu Gaafate Kani Rakkoo Miti jedhee Gaafiin WBO sirrii tahuu Ragaa Bahe. Hundaafuu Guutuu Haasaha Obbo Khaab Buttaa Olirraa Dhaggeeffadhaa Yaada Keessanis Nuuf Katabaa Waliifis Dabarsaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment