Atleet Fayyisaa Leellisaa Maal Tahe? Nagahaaf Jecha Yaada Obbo Taayyee Dendea Aredo

Dhimmi Atileet Fayyisaa Leellisaa fi Gaazixeessaa Dammaqaa Nagaasaa Dabalatee Faallaa Nagaha Oromiyaaf jecha Marii Taasifamaa Jiruu Kana Deemaniif Namoota Baayyeetti Gaafii Tahaa jira.

Suuraan Asirraa Muldhatu Obbo Taayyee Dendea, Obbo Dammaqaa fi Atleet Fayyisaa leellisaati

Obbo Taayyee Dendea Aredo Dhimma Marii Nagahaa Kan Biyya Tanzaaniyaatti Marsaa Duraatif Mootummaa Ethiopia fi WBO gidduutti Taasifame Ilaalchisee Yaada Kaleessa Barreesseen Nageenyi Filannoo Dhumaati. Wanta Nagaha Keenya Mirkaneessurratti Hojjatuu qabna jechuun Gorsanii,Mariin Taanzaaniyaatti Taasifame Bu’aa Guddaa Buusuu himuudhaan Namoota Faallaa Kanaa Deemanii Oromiyaan Akka Nagaha Hin Arganne Gochuuf, Jechoota fi gochaan Qaamota Marii Nagahaa Kana Taa’aa jiran gidduu deemee Addaan Fageessuf yaaluf Bira Qabee Gochaa Akkanarraa Akka Of qusatuu qabnu Himuun Wanta Marii Kana Akka Itti fufan taasisan Hojjatuu Akka Qabnu Dhaaman.

Faallaa Kanaa Namoonni Gariin Kan Aangoo Mootummaa homaatuu hin qabnee fi Mootummaa Dahoo godhachuun Akka waan Mariin Nagahaa Kuni Sababaa Qaamni Tokko Wanta Hin Taane gaafateef fashale jedhanii Olola Oofan Akka Fakkeenyatti Gaazixeessaa Dammaqaa Nagaasaa Fuchuun ni dandahama Isa Dabalatee Namoonni Akka Isaa Jechoota Fokkuu yookaan Jecha Gareen Marii Nagahaa Kanarratti Hirmaataa Jiran Hin Jaalanneen Yeroo Maqaa Kaasuun Salphisuuf Yaalan Ni Muldhata.

Gorsa Obbo Taayyee Dendea Aredo fi Barreeffama Atileet Fayyisaa Leellisaa Irratti Yaada gabaabaa

Atileet Fayyisaa Keellisaa Barreeffama Gabaabaa Afaanif Funyaan Hin qabne Barreessuun,Akka nagaha hin Barbaanne Himee jira. Kuni Ammoo Oromoota Baayyee dallansiisuun Yaada Garagaraatin Maqaa Fayyisaa Leellisaa Kaasurratti Argaman. Sababni Inni Nagaha Jibbuuf Maali? Guutuu Linkii Olirra Jirurraa Dhaggeeffadhaa. Gama Biraatin Obbo Taayyee Dendea Aredo Yaada Dabalataa Arraankana Barreesseen Qoosaa Dhiisaa Wanti Nagaha Dursu tokkolleen hin jiru. Nagaha Nuu Mana Hoo’aa keessa Diriirfatee ciisee Katabu caalaa Haadholii teenya Ishee Ilmaani waliin Mana isheerraa Buqqatetu Beeka jechuun Nagaya Buusuuf Haa hojjannuu jedhee gorseera. Guutuu Isaa Vediyoo keessaa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment