Marii Kanaan Akka Xiinxaltoonni Baayyeen jechaa jiranitti Kan Dhabnerra Kan Arganneetu Guddaadha Jedhaniiru. Mariin Kun Itti fufiinsaan Irra Deebiyamee Kan Godhamu tahuunis Beekameera.

Ibsi Garee Mootummaa fi WBO irraahis Dhimma Marii Biyya Tanzaaniyaa Kana Ilaalchisee Maalirra gahan waan jechuuf baasan kanaan Marii Taasifneerra,Kan Irratti Waliif galle qabna. Kan Irratti waliif Hin galiniif yookaan Dhimmoota Marii Dabalataa Barbaadu Kan Biroof deebinee Mari’anna, Kan Jedhu Ibsa Garee lachuurraa Ibsameedha. Akka Hayyoonni Oromo Jechaa Jiranitti Mariin Qaama Waldhabdee qabu jidduutti Yeroo taasifamu hunda Guyyaa tokkoon yookaan Marsaa Tokkoon Hin xumuramu. Hunda caalaa Wanti Hubatuu Qabdan Mariin kun Yeroo Jalqabaatif WBO fi Mootummaa gidduutti Biyya Tanzaaniyaa keessatti Taasifamuun Isaa Abdii Nageenyaa Garmalee Dabaluu himan. Wanti Marii Marsaa Kanaatin Argame Baayyeedha. Wanti Irratti Waldhaban Muraasa. Kanaafuu Abdii Guddaa Marii kanarraa Qabaachuu fi Mariin Itti Aanu Saffisaan Akka Eegaluuf Jajjabeessuu malee,Wantoota Garee lamaan Gidduutti Jibba Hammeessurraa Of qusachuun Wantoota Mariin kun Akka Saffisaan Eegalu godhan Irratti fuulleffatuu Akka qabdan Hayyoonni Oromoo Kanneen Akka Obbo Jawar Mohamme,Yaya Beshir fi kanneen biroo baayyeen yaada kaasurratti argaman. Mariin Kuni Maalfaa Jedhamuun Goolabame kan jedhu linkii Gadii Kanarraa Obsaan Dhaggeeffadhaa Akkasuma Yaada Hayyootaa Gadirraa dubbisaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa
Akka Hayyoonni Oromoo Kanneen Akka Obbo Jawar Mohammed Obbo Yaada Bashiirfaan dhimma Marii Nagahaa Har’a Marsaan duraa goolabame kana ilaalchisanii Barreessanitti Miriin kuni Tarkaanfii Duraati Waan jajjabeeffamuu qabu Tahuu himuun Ummanni Ammas Akka Marichi itti fufu jajjabeessuu Akka qabnu dhaaman.

Obb Jawar Mohammed Akkana Jechuun Barreessan
Lola waggoota shanii booda yeroo duraatiif mariin araaraa WBO fi mootummaa Itoophiyaa giddutti godhame, dhimmoota tokko tokko irratti waliigalamuu baatus, walhubannaan gaariin uumamuu ibsa gama lachuun baherraa ni hubatama. Haaluma kanaan marii marsaa itti aanuu gochuuf waliigaluu isaaniis agarra. Hawwiin ummata keenyaa waliigaltee guutuu nagaya buusuu dhagayuu ta’us, bu’aan marii kanarraa argames gaariidha. Hammasiifuu tarkaanfilee jechaafi gochaa kan bu’aa ( progress) marii marsaa kanaa irratti argame of duuba deebisan irraa gamni lachuu of qusachuu barbaachisa. Inumaatuu hojiilee daran walitti dhiheessuuf fayyadan dalaguutu irraa eeggama. Deeggartoonni gama lachuutis ta’ee ummanni bal’aan mariin marsaa itti aanuu dafee akka eegaluufi waliigalteerra akka gayamu dhiibbaa godhuu feesisa.
Obbo Jawar Mohammediin
Obbo Yaya Beshir Gama Isaatin Namoota Kilaafa Baayyisan fi Marii Bifa Nagahaan Deemaa jiru ilacha keessa galchuu dhiisuun Faallaa Marii deemanii fi Akka waan Mariin fashaletti Yaada Hin taane maxxansan gorsuuf Wanta Hubate akkana jechuun Barreessan
Mariin WBO fi mootummaa jidduu ture haaluma gaariin deeme.
- Bakka bu’oonni WBO waliigalteen godhamu akkataa hojitti hiikamuun kan hordofu ( monitoring and verification) gareen biyyoota alaa Ameerikaa dabalate jiraatuu qaba jedhanii gaafatan. Bakka bu’oonni mootummaa kana hin fudhanne
- Sadarkaa naannoo Oromiyaatti mootummaan waloo ( all inclusive government) dhaabbilee mormitootaa hammatee hanga filannoo itti aanuutti bulchuu haa bulchuu jedhan gaafatan. Kana jechuun garuu mootummaa cehumsaa jechuu miti. Kanarrattis ammatti waliigaluun hin danda’amne.
Mariin kun marsaa jalqabaa ta’uun beekkamuu qaba. Marsaa duraatiin osoo waliif galamee gaarii ture. Ummannis kanuma hawwiin eeggataa ture. Garuu mariin araaraa heddu marsaa tokkoon hin dhumu. Kan TPLF waliin taasifameeyyuu yoo laale marsaa shan fudhate. Jalqaba Sychelles keessatti argan. Itti aanse yeroo lamaaf Jabuutitti walgahan. Mariilee Sychelles fi Jabuutii irratti nagaayaan furuuf dubbatan waliif hin galle. San booda Afrikaa Kibbaatti waliif mallatteessan. Keeniyaatti gadi cimsanii hojiitti hiikan. Kanaafuu kan WBO waliin godhamus marsaalee itti aananitti dabra jechuudha.
KANAAFUU, deeggartoonni gama maraayyuu kana beekuun abdii kuatannaa gara siyaasa jibbiinsaa deebi’uu osoo hin taane, gama lachuu walitti dhiibuun yeroo gabaabatti walitti dacha’anii akka xumuran jajjabeessuutu fayyada.
Yaayaa Bashiirin
Rabbi haa milkeessu!
Waan dubbiftaniif Horaa Bulaa deebanaa Waliif dabarsuun Ummata Biraan gahaa Galatoomaa Ulfaadhaa #UnitedOromia