Jaalalti Oromoo walii isaafi Namoota Halaalaa Dhufee Oromia keessa Qubatuuf Qabu Jaalala Addaati. Ani Na Ajaa’iba Oromoon Tuni Akkamitti Akkanatti Ummanni Hundi Jaalata? Namni Yeroo Oromia Dhufe,Osoo Ni Ajjeefamtan Oromoon Ummata Akkanaati,Akkaiiti jedhamanii Akkamiin Umrii guutuu Oromia keessa Jiraata? Maalin Nama tuyyxi oromoon tun. Nama Waa’ee ishee dhaadee kaasun dubbatu malee Nama Hammeenya ishee haasahu Aktivistoota Amaaraa qofa maalif tahe jechuun Yooni Maanyaan Gaafii Gaafataa jira.

Akkuma isin Oromoon Ummata Hamaadha jechuun Arrabsitan kana Silaa Sabaaf Sablammiin Ethiopia guutuu Kanneen Oromia Keessa Jiraatan,Osoo Oromoon Ummata Hamaa tahanii Isaanis Ni dubbatan turan jechuun Aktivistoota Amaaraatti Dhugaa hime. Amma Ilaalaamee Tigraay Afaan Oromo Naannoo Kiyyatti Akka Baratamu Jettee labsitee jirti Kuni Maalif tahe isinitti fakkaata jechuunis Gaafii Gaafata. Gama Biraatin Waa’ee Magaalaa Finfinnee kaasuudhaan Magaalaa Finfinnee keessa Akka Baayyina Saba achi keessa qubatuutin yoo ilaalle,Sabni Amaaraa Humeddummina qaba. Garuu Lafti Tan Oromoo tahuu Ragaan Agarsiisu Baayyeedha jechuun Takka takkaan Maqaalee Nannawa Finfinnee keessa jiran Maqaa durii Kaasuun Himeefi,Lafti Tan Oromia Tahuu Jala muree himaaf. Gama Biraatin Silaa Oromoon Akka Hammeenya Aktivistoota Amaaraa Kanneen Addis Ababaan Yookaan Finfinneen Tan Amaarati Jedhan tana Dura Ofirraa Akka Bahan taasisa. Garuu Oromoon Hammataa Waan taheef Nagahaan Lafa Oromia Tana Keessa Jiraattan jechuun itti himee,Ammalle Aktivistoota Amaaraatin Ofitti deebi’aa jechuunis Gorsaa jira.
Gama Biraatin MM Ethiopia Dr Abiy Ahmed Mootummaa Ethiopia Tahuu Liqimsaa jechuun Itti Himee Jaalalaan Isa Waliin Walii galamee Jennaan Rakkoo feete Waliin Furuun Akka dandahamus itti hime. Kanaan Alatti Arrabsoo fi Zaachaa gochuudhaan Abiy Ahmed Ni Injifanna jettanii yoo yaaddan,Ani Isiniif Himeera. Dhukkee taatan kana Sirritti ofitti Himaa Jechuunis Itti Himaa jira. Guutuu Haasaha Yoonii Maanyaa Linkii Olirraa Dhaggeeffadhaa waliin gahaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia