Makii Oro Osoo Asliin Gabbara Nyaatin Jaarsa Fidde

Asliin Gaafa Dubbii Kana Makii Oro tan Intala too jedhurraa dhagahu Dachiitu Itti garagale. Walleenuu Gabbara Malee Eessaa Fiddee jaarsa kiyya Naan jetta Waan jedhu fakkaata. Baayyee Nama Kofalchiisa. Makii Oro yookaan Makfiraa Muniwar Fi Asli Mohammed Yeroo baayyee waliin Qoosuun,Makiin Asliidhaan Abbaa jechuun waamti. Tahullee Arra Dubbiin Faallaa taate. makiin Jaarsa yookaan Jaalallee Nanqaba jecha jedhu Osoo Adabbii fudhatuu Asliif Himte. Asliin Kiw jechuun Ammagaa jechuun Biyya Kofalchiisee,Gurbaa Makiin Jaalattu Kana Baruuf Ija Babaasuu eegale. Saffisaan Akka Makiin Himtuuf Gaafate.

Suuraan Makii Oro,Aslii fi Raachuudha Kan makiin Jaalallee kiyya jechuun garsiifte Viidiyoo keessaa jira.

Yaa Makii Natti Qoostaa Saffisaan Natti Agarsiiftu malee Wal gaggalaafata taatin Dhaamsa Asliin Makiif dabarsaa jiruudha. Makii Orotis Jaalalleen ishee Aanaa oh dhiifama Abdi Akka Jedhamu Maqaa Himteef. Abdi kuni kami jechuun Makiitti gaafii jabeesse. Makiinis Namni Maqaan Abdii Hundi Jaalallee kiyya jechuun qoosaan bira dabarsite. Yoonin Makiinaa Diimaa argadhe Akka Suuraa Mucaa Jaalallee ishee kana Agarsiiftu Makii Gaafate. Makiinis hayyee jechuun Waadaa seentef. Namoonni Jaalallee Makii Arguuf Fedha qaban Giiftii Asliif kennan. Asliinis Jaalallee Ishee Akka Agarsiiftu dirqisiise. Makiin..

Makii Oro Jaalallee ishee Jechuun Agarsiisuu Tapha Aslii,Raachuu fi Makii Jidduutti tahe

Mucaan Makii Oro Agarsiisuuf Yaalte Alan Fira isheeti jechuun Namoonni Beekan Yaada Kaasan. Haa tahuu malee Asliin Mucaan Baayyee Akka bareedu Makiif Hime. Mucichi Eenyudha laata? Akka warri beekan himanitti Jaalallee Osoo Hin tahin Mucaan Fira Makii Oro Akka tahe Kataban. Tahullee garuu Firri Fira Fuudhuun Dhoorgaa miti waan taheef jecha,Akkaataa Makiin Itti dhaadataa dubbatteen walbira Qabanii Yoo xiinxalan Duraan Fira Turullee Amma Gara Jaarsa Makiitti Geeddaramuufi jechuun Namoonni Shakkii Qabanii fi Dubbii keessa beeyna jedhan Hasaasuu eegalaniiru. Hundaafuu Tapha Kana Hordofaa Yaada keessan Nuuf katabaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment