Namoonni Akkuma Feesbuukii seenaniin Barreeffama Obbo Kefyalew Tufaa Yedataa kan
“Bor Ganama sa’aaati 2:00 irratti addunyaa tana irra nan obbafadha. Gara Haaceettin deema Live na egaa”! jedhu arganii Baayyee Gaddan. Maaltu Dhalate jechuunis wal odeeffataa turan. Kanarratti Namoonni Baayyeen Yaada Garagaraa kaasuun Irraa haasahaa oolan. Obbo Kaffaaloon Akkuma Waadaa seene Sa’aa jedhame eeggatee liivii seenuun Namoota 3k oliin daawwatamaa jira. Daqiiqaa kudhantu yeroo inni jedherraa hafaaf. Kana gidduutti Wanti tahe uumame.

Yeroo Obbo Kaffaaloon Addunyaa kanarraa godaanuf nuuf beellame gahuuf daqiiqaan kudhan qofti weeyta haftu Dargaggoonni Magaalaa Finfinnee Jiraatan Hulaa Mana isaa darbanii seenuun Lubbuu isaa du’a oolchan. Sababni Obbo Kaffaaloon Murtii Hagana Guddaa kana fudhatuuf Murteesseef Kan biraa tahullee garuu Namoonni Miidiyaa gubbaa Yaada garagaraatin Ibsataa oolan. Gariin isaanii Jaartii Yookaan Haadha Warraa isaatu Nama Biraa Jala deeme jedha. Gariin Haadha Warraa isaatu Manarraa ari’e jechuun Olola oofan kana cinaatti Namni Mana Amantaa Yookaan Waldaa Amantaa Gurgurate Yoo hobbaafate Naman dinqu,jechuun dhaadata. Walumaa galatti Namoonni Olola Banuudhaan Akka Obbo Kaffaaloon Badu barbaadan Daranuu Gammachuu ibsataa Yaada Garagaraatin Waa’ee Kaffaaloo Barreessan. Haa tahuu malee dhimmi isaa Kan Odeeffamu kana miti Asirraa Dhaggeeffadhaa
Obbo Kaffaaloon Erga Artist Hacaaluu Hundeessaa Ajjeefamee Guutumatti Nama Siyaasaa Xiinxaluu fi Rakkoo Saba Oromo kana Dubbaturraa Akka tahe Feesbuukii isaa jala seenuun Mirkaneeffatuun ni dandahama. Haatahuu Malee Dhiheenya Kana Waa’ee siyaasaa dhiisuun Waldaa Amantaa Tokko Banatee Ummata Tajaajiluuf Akka murteesse Ibseera. Tarkaanfii Ofajjeesuuf Fudhate sababni Rakkina fi Olola Namoonni Irratti Oofaniin Akka Taheefi Baldhinaan Ibsa Guutuu Rakkina Kana uumee Linkii Olirra jiru kanarraa dhaggeeffadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa waliifis dabarsuun Ololtoota Biraan gahaa Ulfaadhaa galatoomaa. Yaada Keessan Nuuf Katabaa. #UnitedOromia