Kana Booda Biyya Alaa Teessee Ethiopia Jeequn hafe

Ibsa Addaa Qindoomina Humna Waloo fi Tasgabbii Biyyoolessaarraa Eebla 22/2015 Akka Lakkoofsa itiyoophiyaatti Amma Baheedha. Ibsa Isaanii Kanaan Namoota Biyya Alaa Dahoo Godhatuun Jeequmsa Biyya keenya Ethiopia keessatti Kaasaa Jiran Irratti Hojjannee Gara Biyya dhalootaatti deebisiisuun seeratti dhiheessuuf Hojjatamaa jiraachuu ibsan.

Ibsa Qindoomina Humna Waloo Tasgabbii Biyyoolessarraa ebla 22/2015 Akka Ethiopia bahedha.

Ibsi Waloo Qindoomina Taagabbii Biyyoolessaarraa Amma Bahe kun Namoota Garee Shorarkeessummaa Kana keessaa qooda qaban,Biyya Keessaa fi Alaa Eerudhaan Gochaawwan Isaanii fi Shorarkeessummaa isaan raawwataa jiran kan tuttuqee Eerudhan Ibsu yemmuu tahu, garee Shorarkeessummaa kana keessaa qooda qaban Biyya keessaa fi Ala jiranis Seeratti dhiheessuuf hojjatamaa jiraachuu himan. Namoonni Dubbisa Dubbisuu Hin dandeenyefi Rakkattan Vediyoo linkii gadii kanarraa dhaggeeffadhaa waliifis dabarsaa akkasuma Warri dubbisa filattan Linkii gadirra jiru kanarraa dubbisaa galatoomaa Horaa Bulaa

Ibsa Qindoomina Humna Waloo fi Tasgabbii Biyyoolessa Ethiopiarraa Ebla 22/2015 A.L.E bahedha.

Guutuun Ibsa Qindoomina Humna Waloo fi Tasgabbii Biyyoolessa Ethiopia Kan gadii kana.

Ibsa Qindoomina Waloo fi Tasgabbii Biyyoolessa Ebla 22,2015- Shakkantoonni seeraan ala gareedhaan gurmaa’uun socho’aa turanii fi gocha shororkeessummaa irratti bobba’an 47 meeshaalee waraanaa adda addaa waliin to’atamuu Qindoomini Humna Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa beeksise.

Qindoomini Humna Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa ibsa miidiyaaf ergeen akka beeksisetti, shakamtoonni gurmaa’insa seeraan alaan gocha shorokeessummaa irratti bobba’an kunniin meeshaalee waraanaa xixiqqaafi gurguddaa akkasumas meeshaalee quunnamtii saatalaayitii fi laaptoopoota ragaalee adda addaa qabatan waliin to’amaniiru.

Shakamtoonni kunniin ajjeechaa hooggantoota olaanoo naannoo Amaaraa irratti xiyyeeffachuun heera mootummaa humnaan diiguun caasaa mootummaa naannichaa to’achuufi mootummaa federaalaa aangoo irraa buusuuf karaa gurmaa’insa seeraan alaan biyya keessaafi biyyoota alatti ijaaramuun socho’aa osoo jiranii akka irra gahame himeera.

Qindoominni Humni waloo kun ibsa miidiyaaf ergeen mootummaan haala mijataa sirna dimkiraasii babal’isuufi qabsoo yaadaaf carraa bal’aa kennuusaatti akkasumas rakkooleen mariin akka furaman tattaaffii taasifameen baayyeewwan carraa kanatti fayyadamaniiru.

Haata’u malee, Finxaaleyyiin Uummata Amaaraa bakka hin buune filannoo nagaa mootummaan dhiyeesse moggaatti dhiisuun gurmaa’insa seeraan alaa deeggartootasaanii hanga biyya alaatti hidhata uumuun damee Siyaasaa, loltummaa, Intelejensii,Miidiyaafi faayinaansii hundeessuu isaanii irra gahamera jedha ibsi kun.

Damee Siyaasaa, loltummaa, Intelejensii,Miidiyaafi faayinaansii kanas kan hogganu Dr Wandosan Asaffaa nama jedhamu ta’uu kan eere ibsi waloo kun Dameen kun misensota Diyaaspooraa finxaaleyyii ta’an 16 waliin qindoomina uumuun kan hojjetu ta’uu himeera.

Dameen kun deeggarsa loojistiksiifi faayinaansii argatuunis Magalaa Baahir Daari irraa eegalee hanga guutummaa naannichaatti hojii hidhattoota filuu ,leenjisuu,hidhachiisuufi bobbaasuu hojjechuun naannoorraa hanaga federaalaatti shororkaafi ajjeechaa akka raawwatan ergama kennaa akka ture hordoffiifi qorannoo gaggeeffameen irra gameera jedha ibsichi.

Kanaafis qaree finxaaleyyii Ballaxaa Gaashaawufi Mihirat Wadaajoo maqaa masoosaa Mirree jedhamaniifi garee finxaaleyyii isaan waliin hidhata qaban tibbana Itti Gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yeshiixilaa qe’eesaaniitti haala suukkanneessaan galaafatamuun kanaafis agarsiiftuudha jedhe ibsi waloo kun.

Girmaa’insa seeraa alaa gareeen kun uumaniin aanaalee 130 Naannoo Amaaraafi iddoowwan birootti garee seeraan alaa gurmeessuu isaanii ibsichi eereera.

Kanaanis namoota dhuunfaa 450 uummanni Amaaraa filateefi hoggansa sadarkaa gara garaa irra jiran humnaan dhabamsiisuun hojii caasaa haaraan bakka buusuuf karoorfachuusaanii hordoffiifi qorannoo taasifameen irra gahamuusaa ibseera.

Dabalataanis homnoonni finxaaleyyii kunneen humna nageenyaa naannichaa hidhattoota ofiisaaniin bakka buusuuf qophaa’aa turuus eerameera.

Tewodiros Asfaaw dablatee kanneen biroos hojii shororkeessummaa kanaan shakkamanii akka to’ataman ibsameera.

Dameen Miidiyaafi ololaa kan hoggantu Meskerem Abarraa kan jedhamtu ta’us eerameera.

Gurmaa’insa seeraan alaa kana keessattis biyya keessaa Daawwit Begaashaawu nama jedhamu akkasumas biyya alaatii ammoo ‘Ethio 360’fi Marrajaa TV, Habtaamuu Ayyaaloo, Minaalaachoo Simaachoo,Biruuk Yibaasiifi Iyyerussaalem T/Tsaadiq akkasumas Zemedkun Baqqalee fi Lidatuu Ayyaaloo yoo ta’an Miidiyaa Anker jedhamu irraa Masaay Mokonnin akkasumas namoota biroo miseensota garee farreen nageenyaa kanaa ta’uu qorannoon mirkanaa’uu ibsi waloo kun beeksiseera.

Humnoonni finxaaleyyii kunneen oduu sobaa uumuu fi olola shororkeessummaa babal’isuun, uummata sabaa fi amantaan qooduufi walitti buusuun humnaan Mootummaa Naannoofi Federaalaa kuffisuuf akkasumas biyyattiin daandii jijjiiramaa fi misooma eegalte dhiistee gara hokkoraa fi jeequmsatti akka galtuuf garee seeraan alaa gurmaa’anii hojjechaa akka jiran Qindoomini Humna Waloo kun beeksiseera.

Namoonni sobaan biyya keessaa fi alaa taa’anii biyya diiguuf hojjetan kanneeniifi namoota dhuunfaa jaarmiyaa garee seeraan alaa keessa jiran biroo dabalatee shororkeessummaadhaan qoratamaa akka jiran ibsichaa irratti eerameera.

Humnoonni shororkeessummaa kunneen biyyoota keessa jiraatan Dhaabbata poolisii Idil-addunyaa (Interpol) fi dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii mootummaa tumsa taasifamen gara biyyatti dabarfamaanii akka kennamaaniif seeraan akka gaafatamaniif hojjechaa akka jirus himameera.

Ibsi Qindoomina Humna Waloo itti dabaluun, namoonni biyya alaa jiraatan kunneen qabeenya biyya alaafi keessa qabaniin fayyadamanii gocha badii kanaaf itti fayyadamaa akka jiran qoratamee waan bira gahameef qabeenya biyya keessaa qaban adda baasuun seeraan to’achuufis hojiin hojjetamaa akka jiru beeksiseera.

Humnoonni finxaaleyyii heera mootummaa fi sirna mootummaa humnaan diiguuf humnoota farra nageenyaa biyya alaa tokkummaa Itiyoophiyaa hin barbaanne waliin ta’uun mootummaa humnaan aangoo irra kaasuuf hojjechaa turan to’annoo jala oolchuun qorannoo irratti adeemsifamaa jiraachuus ibsi kun eereera.

Hawaasni tarkaanfiiwwan olaantummaa seeraa mirkaneessuuf fudhataman hidhannoo hiikkachuu waliin walqabsiisuudhaan namoota burjaajii uumuun odeeffannoo dogoggoraa babal’isuuf yaalan irraa of qusachuun tokkummaan akka qabsaa’u waamicha dhiyeesseera.

Dhumarrattis Oppireeshinii seera kabachiisuuf eeggalame galma akka gahuuf hirmaannaa olaanaa hawaasni taasisaniif Qindoominni Humna Waloo nageenyaafi tasgabbii galateeffata jedheera.

Qaamolee to’annoo seeraa jala akka oolanif hordoffii cimaa irratti taasifama jiru bakka jiranii eeruun akka qabamaniif carraa kanaan waamicha dhiyeessina jedheera.

Fuuladurattis bu’aan qorannoo irraa gahame uummataaf akka ibsamu Qindoominni Humna Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa beeksiseera.

Qindoomina Humna Waloo Nageenyaafi Tasgabbii Biyyaalessaa
Ebla 19 bara 2015

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment