Fincaan Dubraatin Areeda koo haadaa jedhee ture

Ani Sheik Khaab Butta Naan Jedhan jechuun Yeroo baayyee Fokkora. Maqaan Isaa Hordofaa jedhamaa. Kan jiraatu Biyya Ameerikaa Hoggaa tahu,Mootummaa Ethiopia Abiy Ahmed Hundaa olitti deeggaruun Dhugaa fi Soba Baayyee dubbatee Abbichuu koo jechuun Abiy Ahmed Dhadhessuun Beekama. Sababaa Abiy Ahmed Namni Inni Hin xiqqeessin yookaan Irratti Hin duulin Waan jiru Hin sehu. Kanaan Dura Waadaa Tokko Ummata Oromootif seenee ture. Waadaan isaa Fincaan Dubraatin Areeda koo Haadaa kan jedhu ture. Sababni inni Waadaa sana seenef maalifi? Har’a Guyyaan Waadaa isaa Guutuu qabu Gaheera fakkaata.

Waa’ee Marii Araara Mootummaa fi WBO Gidduu ilaalchisee Obbo Khaab Buttaa Waan dubbatu qaba.

Sheeytichi Qoma dhahatee Dhaadataa ture. Kanaan Dura Yeroo tokko Ajajaan Olaanaa WBO Ajjeefameera jechuun Oduu sobaa Dabarsee ture. Oduun Kuni Kan dhagahame Miidiyaalee Mootummaa Ethiopiatin Hogganamurraa Waan dabreef Ajaja Kaadirummaa fudhachuun Akka Marroon Ajjeefame Ifatti bahee dubbate. Xiqqollee Osoo hin Turin Jaalle Marroo Dirribaa Bakka Isaan Irraa hin eegin Miidiyaa Guddicha Addunyaa Aljaziiraa irraan Ummata Addunyaatti Gadi bahee warra Oduu sobaa dabarse hunda Afaan qabachiise. Namoonni Oduu sobaa Kan Marroon Ajjeefamuu Hafarsaa turan keessaa Tokko Obbo Khaab Buttaa yookaan Hordofaa Nama Jedhamu kana ture. Akkuma Haasaha Marroo Aljaziiraa Irratti dhagaheen Gama Fuula feesbuukii isaatin seenee Dhaamsa dabarfate Dhaamsi isaa Kunis Jaal Marroon Osoo hin Ajjeefamin dura Vediyoo waraabee Aljaziiraaf erge jechuun Ifatti Dubbatee ture. Kana qofa miti Jaal Marroo fi Waraana Inni Hogganu Kana Yoo Ji’a Lama Booda Agartan Koottaa Fincaan Dubraatin Areeda Narraa Haadaa Anaatu Isiniif hayyame jechuun ifaan Ifatti Ummata Oromootif Waadaa seene. Arra Ammoo Guyyaan Kuni erga Inni dubbii sana Dubbatee Waggaa Lama Booda Guyyaa Waadaa isaa kana Itti Guunnu Akka tahe innumti Ragaa Ofitti bahe.

Dubbii Waadaa Fincaan Dubraa Nuuf seene fi Dhimma Marii Araaraa Irratti Khaab Buttaa

Jaalle Khaab Buttaa Guyyaa Arraa Dhimma Marii Araara Mootummaa Ethiopia fi Waraan Bilisummaa Oromo Irraa Yaada Kennataa jiru kanaan, dhugaa Rabbii Ajajaan WBO Jaal Marroon Akka Goota Tahe fi Injifates dubbatee, erga Dubbiin Araaraan Akka Dhumatu Labsitan Araara Kana Waan barbaachisu hunda Gochuun Akka Milkeessitan dubbate. Kanaan Dura Ajaja Kaadirummaa Fudhatee Akka Kijibaa Turellee Ummataaf Ifa gochuudhaan Kana Booda Hin kijibnu Jedhee Wanta Keessa Isaa jiru Dubbataa Jira. Viidiyoo isaa Guutuu Olirraa Dhaggeeffadhaa yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment