Akka Duraanii Haasaha Jajjabaa Lolaan Guutame Darbatuun Ummata Kofalchiisullee baatu Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Gama Fuula feesbuukii isaatin Haasaan inni Arra Taasise kun Maal Ilaallata? Ajandaa Sadiin Qabadhee dhufe jechuun Haasaha isaa Eegala. 1, Dhimma Ajjeefamuu Obbo Girmaa Yeshixilaa hoggaa tahu, 2ffaan Dhimma Marii Nageenyaa Mootummaa fi WBO gidduuti. Akkasuma 3ffaan Dhimma Rakkoo Jimaa Harargeen wal qabaturraa Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallis Abdiisaaf Dhaamsa Jajjabaa dabarseera.

Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Obbo Hangaasaa Ahmed Ibrahim Kaleessa Ajjeefamuu Itti gaafatamaa Waajira Paartii Badhaadhina Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yeshixilaa Ilaalchisee Gadda Itti dhagahame Feesbuukii isaa Irratti barreesse. Barreeffama isaa Kana Namoonni Hiika Biraa kennuun Daldala siyaasaaf yookaan Bu’aa dhuunfaaf Itti fayyadama ou Hafarsaa oolan. Kanarratti Hangaasaa Ahmed Ibraahim Gama Fuula feesbuukii isaatiin Livii seenee Ibsa Kenneen,Isiniif Hin milkaahu Jechuudhaan Yaanni Kiyya Akka isin itti fudhattan miti jechuudhaan ibsa kenne. Barreeffama isaa kaleessaa Dabalatee Haasaha Inni dhimmicharratti Taasise Viidiyoo guutuu asii gadii Dhaggeeffadhaa.
Gama Biraatin Miseensi Paarlaamaa Ethiopia Hangaasaa Ahmed Dhimma Marii Araara kan Mootummaa fi WBO giddutti Biyya Tanzaaniyaa Odola Zanzibar keessatti taasifamaa jiru ilaalchisee Yaada dabarfatee jira. Akkasuma Dhimma Baldhinaan Irraa Haasahe dhimma Jimaa Harageetin wal qabatu kan Sababa Keellaan baayyateef Qotee bulaan Rakkoof saaxilame ilaalchisee,Rakkoon Kuni Saffisaan Ummatarraa Dhaabatuu Akka Qabu Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallis Abdiisaafi Hoggantoota Naanawa Harargeetif Dhaamsa Jabaa dabarseera. Guutuu Haasaha Hangaasaa Ahmed Ibrahim Olirraa Dhaggeeffadhaa waliin gahaa Akkasuma Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia