Mariin Nagahaa Mootummaa fi WBO Gidduu Malirra gahe?

Guyyaa Arraa Taatee Baayyeetu tahe. MM Ethiopia Waamicha Marii Nagahaa Taasisuuf Biyya Tanzaaniyaatti Taasifama Jechuun Dubbatuun Isaa Akkuma Dhagahameen WBO’n Insa Baasen Maricharratti Hirmaatuu Ibsee turuun kan Yaadatamuudha. Mariin Nagahaa Kunis Biyya Tanzaaniyaa Odola Zanzibaritti Gaafa ebla 25/2023 Ifatti Eegalee turuun Ni yaadatama. Amma Maalirra Gahe?

Mariin Mootummaa fi WBO Gidduu Maalirra Gahe? Ajjeefamuu Girmaa Yeshixila fi Yaada Yoni Magna

Mariin Mootummaa Ethiopia fi ABO-WBO Gidduu Guyyaa Sadaffaaf Akkuma Itti Fufetti jira. Haatahuu malee Hamma Waan tokkorra geenyuu Odeeffannoo Kennurraa Of qusatan. Tahullee garuu mariin kun Haala Bareedaan Adeemaa jiraachuu fi Kan Hamma Dhuma Ji’a Kanaa Jedhamee ture Ji’a Itti Aanu kanallee Akka itti fufuuf jiru beeksisaniiru. Rabbiin Milkiin Haa Xumursiisu jenna. Gama Biraatin Aanga’aa Mootummaa Ethiopia Kan Tahan Obbo Girmaa Yeshixilaa Guyyaa Arraa Ajjeefameera. Obbo Girmaa Yeshixilaa Itti Gaafatamaa Waajira Paartii Badhaadhinaa Kan Naannoo Amaaraati.

Mariin Nagahaa Mootummaa Ethiopia fi WBO gidduu Maalirra Gahe? Akkasuma Ajjeefamuu Obbo Girmaa

MM Ethiopia Abiy Ahmed (PHD) Ibsa Gaddaa Fuula feesbuukii isaa Irratti Barreessaniin Qaamonni Yaadaan Nu Moohachuu Dadhabanii jennaan Afaan qawweetin Sochii Eegalan Obbo Girmaa Yeshixilaa Nurraa Nyaataniiru. Yaadaan Wal mormuun Osoo Dandahamuu Afaan Qawweetin Socho’uun Nama Ajjeesuun kuni Finxaalessummaa keessa Hoonga Gahuudha jechuun Ibsan. Gama Biraatin Afaan Qawweetin Abbaan fedhe Homaa fiduu akka hin dandeenye Jala muranii Himanii turan. Akkasuma Obbo Yoni Magna Dhimma Kanaa fi Daawwannaa Mootummoonni Naannolee Tigraayitti Arra taasisan ilaalchisee Yaada Gabaabaa Kennate Guutuu Gabaasa Kanaa Linkii Olirra Jirurraa Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa. Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment