Ustaaz Ibsaan Gaafi dhimma Masaanuu Waliin Walqabatu,kan sababa masaanuu Gidduu kana Biyya Guutuuf Ajandaa tahe kanarratti Gaafii Gabaabaa Gaafateene Akkana jedhe, Shamarran Maalif Masaanuu Jibban? Bu’aa Fi Miidhaan Masaanurraa argamuhoo maali jechuun Gabaabsee gaafate. Kanarratti Shamarran Dhagaan Isaan Buqiisaanii Hin darbine jiru.

Shamarran Keenya Masaanuu Jibbuudhaan beekaman. Sababa kanaa Duulli torbaan tokkoof Osoo Addaan hin citin adeemsifamaa ture. Dubbiin masaanuu tuni Garamitti deemaa jirti jechuun sheekkotiin ija jalaatin duula deemaa jiru kana argaatuma Osoo Homaa hin jedhin callisa filatan. Tahullee garuu Erga Kaleessa Galgala Duulichi tasgabbaahe booda Ustaaz Ibsaan Gama Fuula feesbuukii isaa Irratti Bu’aa fi miidhaan Masaanuu Maali? Shamarran Maalif Masaanuu jibban jechuun gaafaterratti Shamarran Akka waan Waraabessa Rooba Keessa Goflola argatetti Irratti Wal gahuun Dachee komantii qofa godhan. Irra Baayyeen Isaanii Kan Balaaleffatan tahullee Lakkoofsaan Muraasni Akka Masaanuu jaalatan Yaada isaanii agarre.
Dhimma Kana Irratti Akkuma Guutuu Addunyaatti Biyyoota Akka Naayjeeriyaa,somaaliyaa,gaaboon fi Biyyoota Afrikaa biroo irraa akkasuma indiyaa fi Biyyoota eeshiyaa kanneen biroo keessaa Namoota Haadha warraa Lamarraa Haga Afurii Kanneen Cidha guyyaa tokkotti gochuun fuudhan Dabalatee Muraasa Akka fakkeenyatti kaafnee Ummata Hubachiisuf yaalle. Gama Biraatin Namoota Sababaa Masaanu kana qoosaa jabeessan Kanneen Akka Haadha Faaxee fi Fatihaa Qoosaa isaanii dabaluun Yaada Makii Oro dabarsite Gabaabaa Kana waliin isiniif qindeessine dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia