Oduu Aagaa Kanaan Mariin Mootummaa Ethiopia fi WBO gidduu Beellamamee Ture,Har’a Ebla 25/2023 Ifatti Biyya Tanzaaniyaa Odola Tanzibaar keessatti Eegaleera. Gama Mootummaa Fi WBO irraa Namoota jaha Jahaan Kan Hirmaatan Tahuu Odeessi Amma Bahe Ni Addeessa.

Dubbii Muummeen Ministeera Ethiopia DR Abiy Ahmed Dilbata dabre Ebla 23/2023 Sirna Galateeffannaa Namoota Waraanni Kaaba Ethiopia Akka dhaabatuuf shoora guddaa taphatan,Galateeffatuu fi Beekkamtii kennuuf Paarkii Biyyoolessarratti Qopheessanirratti,Abiy Ahmed(PHD) Dubbatan Hordofee WBO’n ibsa baasen Nagaha Buusuuf kuni Tarkaanfii Guddaa tahuu ibsuun,Marii Biyya Tanzaaniyaa Kanarratti Bakka Qaamni Sadaffaan Argamanitti Akka Hirmaatuf jiran Beekaisee turuun Ni yaadatama.
Akkuma Waadaa galanii Biyya Tanzaaniyaatti Mariin Akka Eegaluuf jiru Dubbatan, Har’a jechuunis Ebla 25/2023 Biyya Tanzaaniyaa Odola Taanzibaar keessatti Mariin Mootummaa Ethiopia fi WOB Gidduu Eegalee jiraachuu BBC’n gabaase. Akka Gabaasa BBC kanatti Gama Mootummaa irraa Namoota Jaha Kanneen Kanaan dura Marii Araara TPLF fi Mootummaa Gidduu Biyya South Afrika Pritoria irratti hirmaatan Kanneen Akka Obbo Rudwaan Hussen Fi Dr Geediyoon Ximootitoosfaan Akka Argaman Himuun Gama WBO irraa kanneen Bakka Bu’anii Argaman Hayyuu seenaa professor Mohammed Hassenfaan Akka Jiranis BBcn dabalee gabaase. Guutuu Gabaasichaa fi Yaada Gammachuu Ummanni Keenya Marii nagahaa kanaaf qaban akkasuma Haasa Ajajaa Olaanaa WBO Turtii BBC waliin taasiserratti Taasisan kana dhageeffadhaa waliin gahaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia