Maalif Redi Adem Oboleettii Teefudhaf Mubarak Musamarratti Duulamaa?

Jidduu Kana Duulli Gareedhaan Walirratti Duulamuu Oromo gidduutti Uumamee Akka malee jabaachuun Hafarfamaa jira. Dubbiin Dhimma Masaanuu bira dabree dhimma gandummaa seenuun Ajandaa Guddaa tahe kuni Maali? Eessaa eegale?

Suuraan Mubaarak Musammaa,Siiduuna yookaan Obboleettii Mubaarak fi Redi Ademiti

Duulli Kun Maalif Akka akkasitti Hammaate beekullee baannu sababni duulamaa jiruuf Barameera. Obboleessa Keenya Redi Adem Haadha Warraa Lammeeffate. Haati Warraa isaa Duraanii Akkamitti Masaanuu Narratti fuudha jechuun Komiinqabdu Miidiyaarratti ibsatte. Kanarraa Ka’uun Namoonni Masaanuu Balaaleffatan Akkamitti Redi Adem Obboleetti Mubarak Irratti fuudha jechuun Masaanuu Dahoo godhatanii Duula Kana Oowwisan. Duulli Kuni Obboleessa Haadha warraa Redi Adem Mubarak Musammaas Hin hanqanne. Maalif Mubarakitti duulamaan gaafi Namoota Baayyeeti. Mubaarak Dhimma Kanarratti Akkana jechuun Yaada kennataa jira.

Duula Maalif Redi Adam Obboleettii tee fuudha jedhamuun Mubaarak Musammaa Irratti baname

Ani Maalin Gochuu qaba? Redi Adam Akka Nama Tokkoo Manguddummaa Natti ergate. Dhimmi kuni Komii Uumuu mala jedheen Lakkii Jedhee Didee Manguddummaa isaa ofirra deebise. Deebisuu qofaa miti Haadha warraa Redi keessaan dubbiseen Oduu akkanaatu jira Maalif taha Wanti kuni jedheen Siin Mariyadhee Akka Ati Natti Aartu waanin beekuf Isallee ofirraa ari’ee ture jedhee sitti himeera. Amma Maal taanan Na komatta? Dubbiin Bubbultee Jarri Gara biraatti Akka deemani Nikaa godhatan hima. Tahullee Garuu Ani Ramadaana Guutuu Sababa Kabaja Siif qabuuf jecha,Mana Redi dhaqee Kanan Afeerame Dideen Hafee ture jechuudhaan Maalif Akka Ani komatame wallaale jechaa yaada kennataa jira Vediyoo guutuu Olirraa Dhaggeeffadhaa Dhimma Namoota duula baayyisuufis Asliin Gorsa Gabaabaa Kenneera. Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment