Yeroo tokko tokko Dhimmi Oromoo intarneetaa kuni Yaaddoo uumaa jira. Namoonni Usaniituma waan isaan hin ilaallanne keessa seenuun Hanga Bultii Namaa Diigutti qaqqabu. Keessattuu Shamarran Miidiyaa kana irratti dhimma Masaanuu Akka waan Adda tahee tokkotti Tan Bultii qabdus tan hin qabnes Guuza Yookaan Daboo waliif bahanii Ajandaa Masaanuu Kana Guddisuun Ummata Jeeqan.

Masaanuun Maalif Shamarran keenya Biratti Baayyinaan jibbama? Yeroo garii Akka Waan Duula Lolaaf deemamutti Dhimma Masaanuu Kana Shamarran Waljalaa Fuudhanii Hafarsan. Hafarsuu qofaa miti Hamma Deemanii Haadha warraaf Abbaa Warraa Wal jalaa baasutti qaqqaban. Wanta Isaan Hin ilaallanne keessa seenanii Namoota Arrabsan. Kuni maalif taha? Shamarran Group Keessaan Dhimma Masaanuu Kana irratti Mariyatanii duula Banan Qabanii laata? Maalif Akkas Gareedhaan Nama Dhuunfaa irratti duula Banan?
Hundaafuu Shamarran Keenya Dhimma Masaanuu Kana Laaffisaa Ilaalaa. Abbaa Warraa keessan Kunuunsaa kabajaa. Jaalala kennaafi Malee Shamarran Biraa Afeertanii Abbaa Warraa keessanirratti duula hin baninaa vediyoo olirra jiru kana obsaan dhaggeeffadhaa Sirritti isin fayyadaa ittiinis Booharaa Yaada keessanis Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia