Jilli WBO Tanzaaniyaa Ergamuu Jaal Marroon Hime

Mariin Araaraa Mootummaa Ethiopia fi Waraana Bilisummaa Oromo Gidduutti Taasifamuuf MM Ethiopia Abiy Ahmed ( PHD ) Guyyaa Kaleessaa Sirna Beekkamtii Kennuu fi Galateeffannaa Namoota Nagaha Buusuuf Dhaama’aa turan Kan Magaalaa Finfinnee Paarkii Biyyoolessaatti Qophaahe irratti MM Ethiopia Abiy Ahmed Biyya Tanzaaniyaatti Ni mari’anna Jechuun Dubbatuun Isaanii dhagahamee Guyyaa Arraa Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromo Jaal Marroon yookaan Maqaan Dhalootaa Kumsaa Dirribaa Mariin Araaraa Biyya Tanzaaniyaatti Gaggeeffamuuf jiru dhugaa tahuu himan.

Jaal Marroo (Kumsaa Dirribaa) fi MM Ethiopia Abiy Ahmed (PHD)

Waggaa Lama Wal waraanurra Waggaa Digdama Mari’atuu wayya Jechuun Kan Dubbatan MM Ethiopia Dr Abiy Ahmed Nageenyi Murteessaa tahuu Kaleessa Dubbatuun Kan Yaadatamuudha. Jaal Marroon Gama Isaanitiin Mariin Araaraa Kun Biyya Tanzaaniyaatti Gaggeeffamuuf Akka Jiru Dubbatanii Mootummaan Akka Qaamni Sadaffaan Gidduu keenya Seenu Kan Yeroo dheeraaf Gaafataa turre Fudhatee Bakka Qaamni Sadaffaan Jirutti mariin Kun Akka Gaggeeffamuuf jiru Turtii BBC Afaan Oromo waliin Taasisaniin Himanii jiran

Marii Araaraaf Jilli WBO Tanzaaniyaatti Ergamuu Jaal Marroon Himan

Gama Biraatin Mariin Araaraa Kun Namoota Hin Gammachiifnef Kanneen Dhageenyi Waan Hunda Dura Tahuu Akka qabu Himuun Miidiyaa Hawaasummaa Irratti Morkii Keessa jiraniif Gorsa Akka Tahuu fi Oromon Nagaha Argatuun Murteessaa Akka Tahe Ummataaf Ifa Gochuuf Yaada Aktivistoota Oromo fi Artistoota Irraa Walitti Guurree Kana Obsaan Vediyoo olii kanarraa Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment