ODUU GADDAA -Artist Zarihun Wadaajoo Artist Oromoo Keessaa Isaanowwan Hangafa fi Qabsaa’ota ganamaa keessa Nama Tokko Yoo tahu Guyyaa Arraa Du’aan Addunyaa Kana Irraa Nubiraa Boqotutti Baayyeen Gadda. Artist Zarihun Yeroo dheeraaf dhukkubsataa Erga Tureen Booda Jidduutti Xiqqo wayyaahee turullee Dhukkubni Itti deddeebi’ee Waan Rakkiseef Jecha Waldhaansa Dabalataaf Biyya Hindiitti ergamee Achitti Yaala Argataa Turullee Garuu Lubbuun Hafuu hin Dandeenye

Artist Zarihun Wadaajoo Weelluu warraqsaa Baayyee Baasudhan Ummata Keenya Kakkasuun Akka Mirga Isaanitiif Falmatan Gochaa Nama tureedha. Sirboota Isaa fi Seenaa Isaa Dabalataan Kan Isiniif Dhiheessinu Taha.
Qabsaa’aa fi weellisaa angafa Zarihuun Wadaajoo dhukkubsatee biyya Hindiitti osoo yaalamaa jiruu dhibeen itti hammaatee fayyuu waan hin dandeenyef Ebla 22/2023 du’aan addunyaa kana irraa boqoteera.
Qabsaa’aa jabaa kana dhabuu keenyaf gadda guddaa natti dhagahame ibsaa maatii firoottan akkasumas jaalattoota fi dinqisiifattoota isaa maraaf jajjabina hawwa.
Nagaan boqodhu 😭😭
RIP!