Baga Iida Fixriitin Nagahaan Isin gahe. Warra Ramadaanni Irraa qeebalamu Nuhaa taasisu Akkasuma Ammoo Warra Baatii Ramadaanaa Kana Qofa Osoo Hin Taane Yeroo Hunda Rabbii Ofii Gabbaru Nuhaa Taasisu. #EidMubarak

Walaloo Dhaammannoo Ramadaanaa Fi Gorsa Sheik Amin Ibro kanarraa Wanni Hubatamu Akkuma Gaafa Baatiin Ramadaanaa Seentu Ummanni Keenya Simannaa Ramadaanaa Gochaa Ture,Har’a Gaafa Ramadaanni dhumus Dhaammannoo Gochuun Nagahatti Ramadaana jechaa jiran. Alhamdulillah Kan Nagahaan Nu Soomanaiisee Nagahaan Soomana Nu Fixachiise jechuun Gorsa Kan Eegale Sheik Amin Ibro Maal nuuf dhaaman? Linkii Gadii kanarraa Dhaggeeffadhaa Waliin gahaa
Ilmi Namaa Tokko Kan Rabbii Isaa Gabbaruu qabu Yeroo Ramadaanaa Qofaa miti. Akkuma Gaafa Ramadaana keessaa Misjida Rabbiitti Fiiguun Keeyrii Carraaqqataa baane,gaafa Soomanni Dhumes Rabbii keenya Jabeessinee Gabbaruu qabna. Warra Soomana Qofa Salaaturraa Rabbiin Nun Taasisin. Akkasuma Warra Yeroo Soomanaa qofa Sadaqaturraa Miti Warra Rabbiif jecha Soomana boodallee Sadaqatu akkasuma Soomanu,akkasuma Gidduu keenyatti Jaalala Baayyisuu fi Gaarii Hojjaturraa Nuhaa taasisu jechuun Sheik Amin Ibro Gorsa Bareedaa Ummataaf Dabarsan Kana dhaggeeffadhaa waliifis dabarsaa. Yaada Keessan Nuuf Katabaa galatoomaa Ulfaadhaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia