Deebii Abiy Ahmed Gaafi Hawaasni Magaalaa Naqamtee Gaafateef Kennan

Guyyaa Arraantanaa MM Ethiopia Dr Abiy Ahmed Dabalatee Peresdaantiin Mootummaa Naannoo Oromia Hawaasa Magaalaa Naqamtee fi Naannawa sanii Waliin Marii Taasisaniiru. Maricharratti Hawaasni Gaafi Nageenyaafi Kan birootis Gaafatan

MM Ethiopia Dr Abiy Ahmed Deebii Hawaasa Naqamteef Kennan

Hawaasni Magaalaa Naqamtee fi Nannawa ishee Marii Kanarratti Gaafiwwan Baayyee MM Abiyiif kan dhiheessan Yemmuu tahu Baayyinaan Gaafin Dhihaate Rakkoo Nageenyaa ture. Dr Abiy Ahmed Jalqaba Oromoon Tokkoomuu Akka qabuufi Rakkoo Keessoo keenyaa Mariidhan Hiikkachuu Akka qabanis Dubbachuudhaan Yoo Nuti Waltaane Homtuu Nun dandahu jechuunis Dubbataniiru. Gama Biraatin Dr Abiy Akka jedhanitti Sababaa Garaagarummaa Yaadaa Qabnuuf jecha carraa Kanatti fayyadamnee Akka Wal takaaluu Hin qabnes Hundaaf dhaaman. Keessattuu Hojii Misoomaa Irratti Namuu Waliin Haa dhaabannuu Jechuun Gorsan. linkii Kanarraa Haasaha Isaa Dhaggeeffadhaa

Gaafii Hawaasni Magaalaa Naqamtee Gaafataniif Dr Abiy Ahmed deebii kennaniidha.

Itti fufuunis MM Ethiopia Abiy Ahmed ( PHD ) Sababaa Nuti Walirratti Duulluf Diinni Ija babaasa kanaafuu Lola Gidduu keenyaa Karaa Mariitin furachuu qabna jechuudhanis Yaada Kennatan. Gama biraatin Oromoon Lolee Injifatuu Akka Beeku Himuun Gootummaa Oromoo Dubbatee,Goota keenya Waan Nuti Hin Jajiniif yookaan Nuti Awwaalef Seenaan Isaani Dhokataa Akka Ture Himee,Oromoon Gootummaan Komii Hin qabu jechuun Dubate. Dhumarratti Jala muree kanin Isiniif Himu Kana Booda Abbaan Fedhe waces dhiises Nu Arrabses Dhiises,Humnaan Deemes Dhiises humni Nu Injifatuu Dandahu Hin Jiru. Kana waan taheef Oromoon Hin Yaadinaa jechuudhanis Yaada dabarfateera. Tokkummaa Keenya fi Gidduu keenyatti Jaalala Horachuu Akka qabnus dhaamaniiru. Guutuu Haasaha Dr Abiyyi Linkii Olirra Jiruun Dhaggeeffadhaa Yaada Keessan Nuuf Katabaa Galatoomaa Ulfaadhaa horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment