MM Ethiopia Dr Abiy Fi Shimallis Marii Naqamteetti taasisan

Oromoon Nagaha Dhabe Malee Qabeenya Hin dhabne. Akkuma Beekamu Yeroo garagaraatti Oromia Badhaatuu jennee Afaaniin Dubbanna. Garuu Qabeenya Oromian qabdu Maalfaa akka tahe hin beeynu. Oromian Albuudota Gara garaatin Badhaatudha. Warqii Baayyeenis Oromia keessaa Baayyinaan Qotamee Ethiopia Tajaajilaa jira. Akka fakkeenyaatti Godinaalee Oromia Gujii fi Boorana Keessaa Warqiin Yeroo ammaa Kana Qotamee Tajaajila kennaa jiraatus Ummata Oromo Hagam fayyadama jiraan gaafii namoota baayyeeti. Jidduu kana Dhimma Warqiitin wal qabatee Oduu Addaa Tokkootu Dhagahame. Innis Warqiidha.

Dr Abiy Ahmed fi Obbo Shimallis Abdiisaa Ummata Magaalaa Naqamtee fi Hawaasa Ishee waliin Marii taasisan

Oduun Ajaa’ibsiisoon dhiheenya Kana Dhagahame Ummanni Godina Arsii Lixaa Sangaa tokko Qarshii 40k Kuma Afurtamaan Bitatanii Qircaa Qalatan. Sangaa kana Keessaa Warqii Giraama 18.5gm argatanii Warqicha Qarshii Ethiopia 53k Kuma Shamtamii saditti gurguratan. Kanaanis Baayyee gammadanii Foon Sangaa Addaan Hirachuun Sangaa Biraa Bitatuuf Akka Walii galan Ibsan. Gama Biraatin Guyyaa Arraa MM Ethiopia Dr. Abiy Ahmed fi Presidentiin Mootummaa Naannoo Oromia Obbo Shimallis Abdiisaa Dabalatee Aanga’oonni Mootummaa Hawaasa Magaalaa Naqamteef fi Naannawa sanaa waliin Marii taasisan.

Warqii Sangaa Keessaa Argamee fi Marii MM Ethiopia Abiy fi Shimeen Naqamteetti taasisan

Marii Hawaasa Keenya Magaalaa Naqamtee fi Naannawa Sanaa Waliin Taasisan Kanaan Haala Rakkoo Nageenyaa fi Kanneen Biroo Irratti Baayyinaan Mariyatan. Linkii Olirra Jirurraa Viidiyoo guutuu Dhaggeeffadhaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Ulfaadhaa Galatoomaa Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment