Sheekaa Roobee fi Makii Oro Maalirratti walitti Mufatan?

Sheekaa Roobee fi Makii Oro ykn Makfiraa Muniwar

Makii Oro yookaan Makfiraa Muniwar Jedhamuun Tan Beekamtu Obboleettiin Teenya Kaleessa Obboleessa Keenya Raachuu waliin Halkanirraa Toora Hiraabaa yookaan Subiin Gahe kana Taphataa turan. Sheekaan Roobee Makii Raachuu Waliin Taphattu Arge,akkaataan Isaanii Hoggaa Laalu Tahuufii Dide yookaan Maalaayaanii Hammaatte waan taatef Sheekaan Roobee Komantii Makiif barreessen Akkana Jedheen. Makii Oro Rabbumaa Jedhii Livii kanarraa Bahi jedheen. Makii Orotis Jechi sheekaa Roobee barreessef kuni baayyee Dallansiisee Maal jechuudha jechuun Sheekaa Roobee gaafatte. Sheekaanis Akkana jedheen.. ittifufa Barreeffama Kanaa Linkii gadirra Jiruu gaditti dubbisaa. Yookaan Vediyoo guutuu linkicharraa Dhaggeeffadhaa.

Makii Oro ykn Makfiraa Muniwar fi Sheekaa Roobee Maalirratti walitti Mufatan?

Makii Oro Maal jechuudha Sheekaa Roobee Naaf ibsi mee jechuudhaan Sheekaa Roobee Afaanin dubbattee gaafattee,itti fufuunis Komantii isaa irratti Reply gochuun Maal jedhuudha jettee gaafatte. Sheekaa roobeetis Akkana jedheen, Lakkii Makii Oro Ani Waanuman Hedduu isin jaaladhuufin yoo sifayyadeef Bahi Siin jedhe jechuun Komantii Jalqabaarratti makiif Deebii kenne. Haa tahuu Malee Makii Oro Ammallee Komantii sheekaa Hin agarre fakkaatti Akkamitti bahi Naan jedhan, Ani Namni Tokkolleen Tiktok kanarratti Na Ajajuu yookaan Seeni Yookaan Bahi Naan jechuu Hin dandahu Jechuu Komii Ishee itti fufte.

Sheekaa Roobee Komii Makii Oro kanas dhaggeeffataa Jechoota Raachuun Anaatu Siif jira Maalif Si jeeqan,Balaan tokko yoo sitti dhufe dura Na tuqee ergasii sibira Gahuu Qaba jechuun qoosaa Bifa dhaadannoo fakkaattuu qoose. Sheekaan Roobeetis Siitu Ibidarraa Yookaan Guyyaa gaafa Rabbi dura dhufnuu san Ishee irraa Gaachana tahaafi komantii jettu Jechoota Raachuun dubbatan kanaaf Manuma Makii oro jalatti deebii kenneef. Makii Oro garuu Hanga Ammaa Maalif Bahi Naan jedhaa kanatti Dallantee jirti waan taheef jecha Akkamitti bahi Naan jedha jecha jedhu kana guddiftee irra deddeebiin dubbatuu itti fufte.

Sheekaa Roobeetis Irra deddeebiin Ani Bar Soomana Dhumarra Jiru kana Keeruma Haa dalagannuu jechumaafin siin jedhee jechuun Akka Hedduu ishee kabajuuf jaalatu himeefi Komantii Katabeef. Makiin Ammallee Jechoota Namoonni Gariin Kataban Kanatti koflaa fi Kanneen Waan sheekaa Roobee barreesse dhugaadha jechuun Katabaniif Ani Namni Tokkolleen Na Ajajuu Hin dandahu jechuun Komii ishee itti Fufte. Sheekaa Roobee irra deebiin Mee Na galchii Baldhinaan yaada kiyya siif ibsaa jechuun Makiif katabe.

Makii Oro garuu Baayyee Dallantee jirti waan taheef Sheekaa Roobee Asjalaa bahi sin galchuu jechuun dubbatte Barbaachisaa taanan Namoota Kilaafa dheeressan Bilookii akka Gochuu qabdus dubbatuun Ishee Akka Namoonni Biraatis Fakkeenyaaf Rachuu Dabalatee Namoonni Biraatis Akka Bilook ofirraa Godhi jedhaniin taasise. Deeggartoonni Makii Baakkeen Bilook godhi jechuun Makii Ajajaa turan. Makiin Qoosaa Ummatatti koflaa Daranuu Dallansuu ishee jabeessuun Ijjennoo ishee ibsuu eegalte.

Kophaatti Baatee Akkuma Yaada ishee kennataa turteen Kan Isheen Abbaa jechuun Yaamtu Aslii Mohamed Yookaan Aslii Onnee sabaa Seenuun Waliin tapha eegale. Namoonni Makiin sheekatti balleessuu hubatan Akka Makiin sheeka dhiifama gaafattu Asliif barreessan. Asliin Makirra Wanta tahe hubatee Akka Makiin dhiifama gaafattu Ajajullee Garuu Makiin Abadan Ani dhiifama hin gaafadhu jechuun Diddee jirti. Nutis Kanarratti Akka Makii Oro sheeka dhiifama gaafattu Gaafanneerra. Waan dubbiftaniif hedduu galatoomaa Yaada keessan Nuuf Katabaa Horaa Bulaa deebanaa. #UnitedOromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment