Comedian Lij Yaared Baayyeen Keessan yeroo Inni Qoosuun yookaan Artii qabu Fayyadamuun Hojii isaatin Aadaa fi Dandeettii Oromoon Uumamaan Qabu agarsiisu beeytan. Akkasuma Yoonii Maanyaa Yookaan Yoni Magna yeroo inni Faallaa Oromoo dhaabatee Jara waliin Oromorratti duula banu beeytan. Har’a Garuu wanti tahe Waan addaati.

Arran kana Yooni Maanyaa fi comedian Lij yaared Tapha Addaa Tiktok irraa taphataa jiran. Tapha isaanii Kana Waa’ee Biyya keenya keessatti deemaa jiru kanarraa Wal agarree Haasonnee Dhugaa Ummatarraa dhokate Ummata barsiisuu fi Warra Maqaa Ethiopiatin Ummata Sobu Kana Dhugaa itti himuuf Beellamanne jechuun Ummata isaan daawwatutti himuun Haasaha eegalan. Wantoota Baayyees jechuudhaan Hanga Garaan Nama dhukkubutti Ummata kofalchiisaa Tapha isaanii Kan Linkiin gadirraa muldhatu kana Taphatuu itti fufan.
Tapha isaanii Kana Keessatti Namoota Waan itti tole kansaanii godhatan fi waan Jibban ammoo Balaaleffatuun jechoota arrabsoo fayyadamii Ummata Dallansiisan ilaalchisee Yaadota baayyee kaasan. Fakkeenyaaf Arrist Teddy Afroon Sabni Isaanii Guraadhe garuu Dirqamaan Keenya jedhanii Akka waan Amaara tahetti fudhatuu fedhan jechuun Rakkoo Jaraa Yoni maanyaan himee itti fufuunis Nama Tadios Taantuu jedhamu kan inni Sabaan Walaaytaa Tahe Sababa inni Oromo Jibbu qofaaf Akka Kan Amaaraa fakkeessan Dubbatee,siyaasni akkanaa kuni sirrii miti jechuun Himuu fi Comedian Lij Yaaredis gama isaatin Mudannoowwan Baayyee Himuudhaan Ummata kofalchiisaa ture. Viidiyoo guutuu Linkii Olirra Jirurraa Dhaggeeffadhaa yoo isinitti tole waliif dabarsaa waan dubbiftaniif hedduu nuuf Galatoomaa Ulfaadhaa horaa bulaa deebanaa. #UnitedOromia