Haala Yeroo Biyya Keenya Keessatti Deemaa Jiru Ilaalchisee Hayyoonni Oromo Yaada Walii faallaa Barreessuun Namoota Muraasa Biratti Gaafii Uume. Obbo Yaaya Beshir Ani Gonkumaa Jara Kaayyoon Isaanii Oromoo Balleessuuf Qabsaahu waliin Hin dhaabadhu Jechuun Barreesse. Gama Biraatin Dr. Henok Gebbisaa Lakkii Gaafa Tigraay Irratti Duulli Banamu Warra Tigraay waliin dhaabannee Amma Gaafa Amaara Irratti Duulli Banamu Bilxiginnaa Waliin Hin dhaabannuu Jechuun barreesse. Kunis tahee sun Yaada Isaan Barreessan Linkii Vediyoo Gadii kanarraa dhaggeeffadhaa akkasuma Walduraa duubaan Barreeffama isaanii Gama jalaa Linkii Kanaatii Arguu Dandeessan.
Obbo Yaya Bashiir Barreeffama Isaa Guyyaa Lama dura Barreessa kanaan Akkana jedhe

Kaleessa yeroo Amaara waliin tahanii Tigraay irratti duulan ni mormine. Firooma Tagaarummaa qabaannee miti kan lola sana mormine. Sababoota gurguddaa qabna ture.
- Lolli sun dantaa warra ristii deeffanna jedhuu guutuuf kan duulame waan taheef ‘nun laallatu’ jenne.
- Ummanni Tigraay wabii sirna fadaraalummaa sab-daneessaa keessaa isa tokko waan taheefi cabuun isaa oolee bulee caba sab-daneessummaa fida jennee lola san mormine. ‘Tigraay haa cabdu malee inni hafe galabaa dha’ jedhamaa akka ture yaadadhaa.
- Kana malees dhaadannoon yeroo sana ture saba tokko eenyummaa isaatiin lafarraa duguuguuf akka karoorfate dhoksaa tokko malee aaktaroota lolichaatiin himamaa waan turreef akka dhala namummaatti gocha kana jabeessinee mormine.
Akkan ofii koo itti amanutti Oromoon ‘risti-deeffattoota’ waliin diinummaa tarsiimoo bara dheeraa qaba. Tigraay waliin garuu dantaa yerootu walitti nu buuse malee diinummaa tarsiimoo wal nu dhabsiisaa bara baraan jiraatu hin qabnu. Wanni waggaa lama dura Bilxiginnaa jabeessinee mormineef ‘meeshaa rist-deeffatootaa’ tahuun Oromoo fi aydiyoolojii sab-daneessummaa diineffatan jenneeti.
Lola amma naannoo Amaaraa keessatti deemaa jiruu fi lola kaleessa Tigraayitti tahe wanni wal fakkeessu anatti hin mul’atu. Duula Amaara akka Amaarummaatti irratti xiyyeeffatee lolamaa jirus hin agarre. Kan tahaa jiru walumaa galatti olaantummaa humni kun gaafa Toophiyaan jaaramtee qabee aadeffate xumura itti gochuun wal qixxummaa dhugaa amanee akka fudhatu dhiibuu dha jedheen fudha. Kun ammoo kaayyoo qabsoo bara dheeraaf wareegama itti kafalle keessaa isa guddaa tokko.
Kanaafuu, warri PP kaleessa yakka nurratti hojjetan hundumaa osoman yaadadhuu, hiriira amma jiru keessatti garuu abadan diinota seenaa keenyaa waliin dhaabbadhee irratti hin duulu. Kaleessa meeshaa warra ristee taatan jedhee mormaa bahee har’a ristee waliin dhaabbadhee isaan irratti duuluun logically illee fudhatama hin qabu. Bolola aangoo akkan hin qabne waanin of beekuuf diina dhalatu kamuu waliin dhaabbadhee murna aangoorra jiru jibbuu fi itti duuluu keessi koo hin fudhatu. Silaa kan dunuunfatee jara kana jibbee ”sheexana waliinuu tahu itti duullee PP buqqifna” jechuun irraa fakkaatu ana isa isaan obboleessa tiruu irraa nyaatan ture. Garuu lubbuun obboleessa kootii dantaa saba guddaa kana hin caalu. Kanaafuu humna siyaasaa Oromoo akka sabaatti salphisuu fi itti duulee balleessee ol’aantummaa kaleessaatti of deebisuu barbaaduuf sakoondii tokkoofillee naatoo qabaachuu hin danda’u.
Na ofkalchaa!
Gama Biraatin Dr Henok Gebbisaa Akkana Jechuun Yaada Isaa Fuula feesbuukii isaa Irratti maxxanse

Lola biltsiginnaan saba Oromoo fi Tigray irratti gaggeessite mudhii hidhattee mormaa baatee lola saba Amaaraa irratti baname daggaruun gaarii hinta’u!
Jiruuf jireenyi sirna Biltsiginnaa omisha walwaraansa sabaa gabaaf dhiyeessitu malee jiraachuu hindandeessu! Kana beeki.
Biltsiginnaan tartiibaan sabaa fi sablammii waraanti.
- OROMOO: Bara 2020 irraa eegalee ajjeechaa Haacaaluun walqabatee Oromoo irratti lola bante. Lubbuu kunaatamaan laaka’amtu bade. Oromoon 50,000 ol haga ammaa mana hidhaatti dararamaa jira.
- TIGRAAY: San booda Tigray irratti lola bante. Lubbuu 500,000 oltu duuguugamee bade. Yeroo nuti mormine Baandaa jechuun olola nurratti oofte. Deebitee nagaa uumte.
- AMAARA: Lola Tigray xumurtee amma ammoo saba Amaaraa kan akka meeshaatti gargaramtee saba Tigrayaa ittiin lolaa baate as deebitee ummata kana irratti maqaa meeshaa hiikkadhaa jedhuun lola bante. Amma darabeen kan saba Amaaraati jechuudha.
- Yeroo muraasa booda ammoo lola saba Amaaraa xumurtee san booda nagaa buustee Oromootti as deebiti jechuudha!
Biyya bulchuu jechuun akkasi? Gaafi kana gaafatee Dr Henok Yaada isaa goolabe. Gaafii Kana Yaada Keessa Katabuun Deebisuuf dandeessu

Gama Biraatin Obboleessi Keenya Barsiisaa Jechuun Namoonni Isa Beekan Kan Yaaman Obbo Yeroon geesseen Haala Qabatama Obboloota keenya Walloo ilaalchisee Rakkoo Deemaa Jiru himuun Ummata Keenyaaf Akka Tumsa taasisuun barbaachisu dhaamsa dabarse. Walii Dabarsaa Ummata Keenya Biraan Nuuf Gahaa Yaada keessan Nuuf katabaa Ulfaadhaa galatoomaa Horaa Bulaa Deebanaa.