Barattoonni Bakka Gargaraa irraa university Tahe wahii Tokkotti walgahan. Barattoonni Carraan walitti fidee Daree tokko keessa Waliin Baratuuf Walitti Qabamanii Barsiisaan Gaafatuu eegale. Akkaatuma Kanaan Barsiisaan Barattoota daree Keessa jiran kanaan wal baruudhaaf Ati Eessarraa dhufte jechuun Gaafii Gaafatuu eegale.

Akkaatuma Tartiibaan Barattoonni Taa’aa Jiraniin barataa Jalqabaa Maqaa Fi Naannoo yookaan Magaalaa irraa dhufan Gaafatuun eegale. Barataan Jalqaba Barsiisaan Gaafates erga Maqaa isaa himeef booda Akka Magaalaa Dabra-Birhaan irraa dhufe himeef. Barataan itti aanuf Gaafiin Walfakkaataan Dhihaate,Kunis Maqaa isaa himee Magaalaa Dabra-Maarqoos irraa akka dhufe himeef. Kan sadaffaa Barsiisaan Gaafii itti fufee Gaafate,Kunis Maqaa isaa Himee Akka Magaalaa Dabra-Taabor irraa Dhufe Himeef. Barsiisaan Osuma Gaafii Isaa Gaafatu Dabareen Barataa Dambi Doolloo Irraa Dhufe tokkorra gahe. Barataan Inni Dambi Doolloo irraa Dhufe kuni Hanga Barattoonni Magaalaa Dabara irraa Kaatu tana Himu Taa’ee Ajaa’ibsiifataa ture. Dabareen isa qaqqabnaan Erga Maqaa isaa Himeef booda Osoo Akkam jedhee Magaalaa Isaa Himee gaarii isinitti fakkaata? 😂
Yoo Barataa Kanaatii Jechi Dabra jedhu kuni waanuma Magaalaa Irratti Dabalamu Itti fakkaatee, Erga Maqaa isaa Himeef booda Anileen Magaalaa Dabra Doolloo irraan dhufe yeroo inni jedhuun Barattoonni Daree guutuu Koflaan Mana Iyyisiisuu daran Barsiisaan Gaafii Gaafataa Jiru Hanga Garaan dhukkubutti Koflee Daranuu Barattoonni akka Itti Koflan taasise.
Ani Kan Gaafii Natti Tahe Naannoo Amaaraatti magaalonni Baayyeen Jecha Dabra jedhu kana Durarraa qabu Maalif Dabra Maarree jechuun maqaan Itti moggaafame? Namni Beektan Yaada keessan Nuuf Qoodaa isiniin Jechaa Waan dubbiftaniif Galatoomaa. Dandeettii Viidiyoo hojjachuun Ummata Kofalchiisuu Yoo qabaattan Qoosaa Kanarratti Hojjadhaa Ummataan Kofalchiisaa Isiniin jenna. Horaa Bulaa deebanaa #UnitedOromia