Jaalalti Taphaa Makii Oro fi Raachuu Gidduu Akkuma Itti fufetti jira. Kutaa 33ffaa Kanaan Osoma Geema Taphatanii Akka wal faarsaniif Wal ajajaa Daawwattoota isaanii Booharsaa turan. Yeroo tokko Makiin Raachuu Moohattee akka Raachuun Bullukkoo Uffata Halkanii Uffatee Harka Maratee taa’u ajajje. Raachuunis Akkaataa itti Uffatee taa’u kana Akka irraa bareedu Ummata isa daawwatuu fi Makii gaafate. Makiin garuu Akka Inni Afaanin Dubbatu Hin jaalanne ture. Gama Biraatin Makiin Raachuu Suuraa kaafataa turte

Adabbii Adabuuf Waa sadi Rachuuf dhiheessite. San keessaa Tan Bishaan Saanitti waraabee matarra kaayatee Akka Dubraatti Harkaan Mudhii qabatee dhaabatu filate. Makiinis Akka Shamarran Moodeelii agarsiituu tahi jechaa Yeroo Raachuun Akshiniin agarsiisu hordoftoonni Garee lamaanuu koflaan Mana imoojii 😂 tana qofa godhan. Maaltu akkas Ummata kana kofalchiise laata? Linkii gadirraa agartan kanarraa dhaggeeffadhaa
Egaa Akkuma Vediyoo irraa Dhaggeeffattan isaan dantaa Geema Isaanii Taphatuun Galii Argachuu qofaaf Walitti Dhufanillee ummanni garuu Waanuma isaan Onnerraa Wal jaalatan sehuun Tapha isaanii kana Tamsaasa kallattii Yooxiqqaate Namoota 3k oliitu isaan daawwataa Giiftillee Itti roobsaa ture. Garuu Dhugaa Akka hin tahin Irra deebiin yeroo hedduu isin hubachiisuf yaalleerra. Waan Nuwaliin turtaniif Galatoomaa Yaada Keessan Nuuf katabaa Horaa Bulaa Deebanaa. #UnitedOromia