Akkaataa Youtube,Facebook fi Tiktok irraa Galii itti argatan

Akkuma Kanaan Dura Waadaa Isiniif Gallee turre Akkaataa Galiin Sooshaal Miidiyaa Fayyadamtan irraa itti Argamuu dandahu Kan Waliin ilaallu taha jechuudha. Jalqaba Karaa Ittiin Youtube irraa Galii argachuu dandeessan Hamma tokko Isiniif Ibsina. Youtube jechuun Bakka account kankee fayyadamuun Vediyoo Hojjattee irratti maxxansuun Hordoftoota Horachaa adeemtu fi dadhabbii Hojii keetiif ammoo Yoo Kan Ummanni Vediyoo ati Hojjattu kana Siif Daawwatan tahe Beeysisa Garagaraa Kan Dhaabanni Google Isiniif Irratti Beeysisu fayyadamuun Kanfaltii Argattan jechuudha. Kuni Akkamitti Taha Kan Jedhu Gadirraa Dubbisaa

Akkaataa Itti Youtube irraa Galiin Argamuu dandahu

1- Jalqaba Bilbiluma keetin Google Seentee Akkaataa Suuraan Olirratti Agartan Kanatti…… Isa Gmail jedhu Kana Google keessa seenuun Barbaaddee Account Banatta. Erga kana gooteen booda…..

2- Maqaadhuma Account Gmail itti banatteen saniin Youtube Seentee vediyoo hojjattee fe’uu(upload) gochuu eegalta.

3- erga Kana gootee Jabaattee Viidiyoolee baayyee fe’uun Hordoftoota(subscribers) heddummeeffatuun Erga Namoonni Hojii kee jaalatee Viidiyoo kee baayyinaan siif daawwatuu eegalan Booda Turtii Ji’oota Booda Yoo Vediyoo ati Youtube irratti feete Namni siif Daawwatee Jiraate Youtube ustudio keessa seenuun Monetize Bakka Jetturratti (Akkaataa isaa Vidiyoo hojjannee isiniif maxxansina) Tuqxee AdSense Kan jedhu Account jalqabaa Gmailuma sanaan bantee Youtube kee kanaan Walqabsiifta. Yeroo torbaan tokkoof Lamaa Keessatti Beeysifni Dhaabbata Google AdSense irraa Youtube kee irratti deemuu yookaan Viidiyoo kee irratti taphatuu eegala. Kana jechuun Vediyoo qofa hojjattee Ji’aan Kafaltiin Siif Kafalama jechuudha.

Akkamitti Galiin Tiktok youtube fi Facebook irraa Argamuu dandaha? Makii Oro fi Abduse

Akkaataa Itti Feesbuukii fi Tiktok Irraa Galiin Argamuu dandahu Xiqqo booda Asuma Jalatti Kan Isiniif Maxxansinu taha. Obsaan Nu eegaa Galatoomaa.

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment