Sheik Amin Ibroo Akkaataa Ati Haadha Warraa kee waliin itti jiraatuu qabduu fi Namni Jaartii Ofii Kunuunsuun malee Uleedhaan reebudhaan miti jechuun Gorsa Ajaa’ibaa Ummataaf dabarse

Linkii Viidiyoo gadirraa Gartan kana keessatti Sheik Amin Ibroo Akkaataa Guddisa Daa’imman keetii Osoo barsiisu jiru, Dhimma Haadha Warraa yookaan Jaartii ilaalchisee Gorsa Ajaa’ibaa kenne. Akkuma Beekamu Biyya keenyatti Namoonni Haadha Warraa isaa uleedhaan reebuu jaalata kuni sirrii akka hin tahinii fi Akkamitti akka waliin jiraatuu qabdu asirraa dhaggeeffadhaa waliin gahaa galatoomaa.
Akka Sheik Amin Gorsanitti Ijoollee ofii Kadhachuu hin barsiisan. Ijoolleen Amma Kadhaa baratte gaafa guddattes akkanumatti ummata Rakkifti jedhan. Kanaafuu Ijoollee Akkaataa Itti Kennatan barsiisuu qabdan jechuun gorsa isaa itti fufee, akkaata Ijoolleen Nyaata Itti Nyaatuu qabduu fi Akkaataa Itti Hiccitii eeguu qabdus Dabalanii Barsiisan. Gama biraatin Ijoollee Ofiitis tahee Haadha Warraa Yoo badillee qabaatan Suuta Akka gorsuu qabdan jajjabeessanii Baraiisan. Jaartii Ofii Uleedhaan Osoo hin taane Jaalalaan Waliin Taphataa Jiraatuu Akka qabdan Sheik Amin Ibroo Gorsa Ajaa’ibaa Akkaataa Adaba Ijoollee fi Nama Nama Kadhataa oolufis Dhaamsa Jabaa dabarsan Waliin gahaa galatoomaa https://youtu.be/zFASDB6JqNM