Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 36ffaa

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 36ffaa

Hubachiisa Linkiin Jalatti Agartan Chaaynaala Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Jala Kan Jiruudha. Ustaaz Raayyaan Sagalee 36ffaa Kanaan Haala Keessa Dabarre,Rakkoos haa tahuu Gammachuu Waan Argannee fi Waan mudanne Kan Itti Nu yaadachiisaniidha. Akkaatuma Kanaan Sagalee 36ffaa Kana Kutaadhaan Addaan Qoodanii Chaaynaala Isaanii Jalatti Maxxansan. Linkiin Jalqabaa Kan Kutaa Tokkoffaa Yookaan Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 36ffaa 1444 (A) Isaan Jedhanii Chaaynaala isaanii Jalatti Maxxansaniidha. Nutis Linkuma sana Asjala isiniif keenye. Erga Kana dhaggeeffattan booda Gama Jalaa Linkiin Lammaffaa B jedhu jira dhaggeeffadhaa waliin gahaa galatoomaa.

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 36ffaa A

Akkuma Ustaaz Raayyaan Chaaynaala Isaanii Kana Jalatti A fi B jechuun Maxxansanitti Kutaan Itti aanu yookaan B jennee Linkii Gaditti Agartan kana isiniif keenyee jirra. Egaa Ustaaz Raayyaan Sagalee 36ffaa A jalatti Haala Rakkisaa Muslimtoota Ethiopia Mudataa turee fi dhimma Rakkisaa Majlisa Fedraala Ethiopia waliin Wal qabatu Kan Keessa dabarre Kaasee Namoota Milkaa’ina Kanaaf Tumsa Gochaa turan Galateeffatuun Rabbiif Galata Galchee Akkasuma Dhimma Baankii Dhalarraa walabaa Kan Barana Muslimtoonni Ethiopia Argatanis Yaadachiisuun Warra Tumse hundumaa Galatoomfata. Kutaa itti aanu yookaan Raayyaa Abbaa Maccaa 36ffaa B jechuun Maxxanse kana keessatti Ammoo Haala Ummata Keenya Mudataa ture Rakkoo Namtolchee fi Balaa Hoongee Ilaalchisee Waan Hedduu Tuttuquun Irraa Dubbatee sagalee isaa Damma Saniin Ummata Keenyaafis Gorsaa fi dhaamsa Bareedaa dabarse. Kutaa 2ffaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa 36ffaa B linkiin isa Jala jiru kanaadha Dhaggeeffadhaa waliin gahaa Ulfaadhaa galatoomaa horaa Bulaa deebanaa.

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 36ffaa B

Sagalee 26ffaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Kan Seena Umar Bin Khattab Keessatti Seenesse Meeqa keessantu yaadata? Seena Umar Kan Raayyaa Abbaa Maccaa Achi keessatti seenesse sana Dhaggeeffatee Addunyaan tun dhumtuu akka taate fi Aakiraan Ummata Muslimaa Biratti Sadarkaa Hammamii Akka Qabdu Nama Hubachiisa. Sagaleen Ustaaz Raayyaa 26ffaa Keessaa kan fudhatame Seenaa Umar Binkhattab Bakka itti seenese linkii gadii kanarraa dhaggeeffadhaa.

Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Sagalee 26ffaa keessatti Seenaa Umar Bin kattab seenesse

Galatoomaa Ulfaadhaa yoo isinitti tole waliif dabarsaa yaada keessan Nuuf katabaa #Unitedoromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment