Makii Oro yookaan Makfiraa Muniwar Namoota Agarte Hunda waliin tapha yookaan Geema Tiktok taphatuun Galii Mataa ishee Argatutti Fuulleffattee Hojjataa jirti. Kanneen keessaa Tokko Idiris Nama jedhamu Lammii Eritrea Kan taheedha. Nama kana waliin Tapha yeroo taphattu Akka waan jaalalloota fi Kana dura jaalallee biraa Homaa hin qabnetti deebisaa Gaafi Idiris gaafateef deebifti. Yeroo kanatti daawwattoota ishee keessaa Namoonni ishii fi Raachuun Akka wal jaalatanitti Yaadaa turan makii Oro Nu sobaa jirta jechuun Akkamitti Akkana jetta jedhanii Makiif yaada kataban. Haa tahuu malee Makiin Namoota yaada akkasii katabu yeroo agarte ni kofalti.

Sababni Makiin Namoota Maalif Idiris waliin kofaltee taphatta Jedhanii gaafatan kanatti kofaltuuf, Dhimma dhiirota waliin Jaala fakkeessitee geema taphattuuf jaalalaaf Osoo hin tahin daldala Tiktokif akka tahe Ummata hubachiisuf yaaltullee namoonni Sammuun isaanii Akka waan dhugaa tahetti Isheef Raachuu yaadaa turan garuu kana hubatuu hin dandeenye.
Walumaa galatti Vediyoo olirraa agartan kanarraa Wanti Hubatamu Makiin Tiktok irratti Dhiirota waliin Kan qoostuf Jaalalaaf Osoo hin taane Tooftaa Jaalalaatin Qoostee Ummata Ishee daawwatuu fi Yeroo isheen taphattu Giiftii isheef kannan Qabatuuf qofa akka tahe Nama hubachiisa. Gama Biraatin makii Oro Dhiirota Habashaa Baayyee Waliin Geema Taphatti. Inumaa Dhiironni Oromoo Yoo Makii waliin taphatuu fedhanii eeganiif Isheen Kan Oromo kana jalaa qabuu hin jaalattu. Dabree dabree Aslii Onnee sabaa kan Isheen Abbaa Jettee waamtufi Raachuu Ishee waliin Maqaan ka’u irra deddeebitee yeroo itti waliin taphatu argurraa Kan hafe Makiin Dhiirota Oromoo waliin geema Taphatuu hin jaalattu jechuun Namoonni baayyeen komatan. fakkeenyaaf Mucaan Gaditti Agartan Kuni Nama An Oromo jedhuu fi Garuu Oromoo miti jedhamuun komiin irratti Ka’uudha. Makiin Yeroo baayyee Akka waan Jara Habashaa Kana jibbitutti odeessiti malee Jibba Jaraa Hin qabdu Inumaa Nama Immiyyee Ethiopia jedhii mazmuurii zammari jedhuun kana Waan Jaalatte fakkaatta Osoo Ijoolleen jettuun Sa’aa Shanii oliif Livii Irratti Waliin geemii taphatti.

Makiin Mucaa Kana ni jaalatte Warri jedhee Yaada Komantii ishee jalatti barreessuf Baayyeedha. Makiin Dhimma Namoota Gaafi Akkasii kaasuf kana Hin qabdu. Callifteetuma Qaxaqqaxkuh jechaa Ija Jalaatin Mucaa Ilaalaa Yoo xiqqaate sa’aa Afurii Oliif Livirra Waliin Fataa jechaa bulti. Kun kan agarsiisu Mucattiin Jibba Jaraa Hin qabdu. Inumaa Jara Akka Jaalattu Ragaan Viidiyoo isheen Jara qofa waliin Tapha taphatuu Agarsiisu Kumaatamaatu jira. Afaanin Jara jibbita onneedhaan Jara irraa fagaatuu hin dandeessu Jechuudhaan Komiin Deeggartoota ishee biraa Ka’aafii Oolus Dhimma Komantii Namoota akkasii sana hin qabdu. Sababni isaa Yoo laalte Makiin Dhimma Jaalalaa Hin qabdu Dhimma Jara Amaarotaa kana taphattee Oromoo Xiiqii keessa galchitee Giiftii irraa Sassaabatuu malee Kan Jedhu Yaada Namoota Ishee daawwatanirraa Yeroo baayyee kennamuufidha. Baraatu Bara Fakkeessanii Buluu tahe. Dhiisaa Haa Daldalattuu Raachuu maalif Akkana Goota jettanii Komii Ooftan dhiisaa ofirra. Jaalala Wanti jedhamu hin jiru. Makiin Fedhiin Ishee Maallaqa Argatuu qofadha kanuma. Yaada keessan katabaa Namoonni Maalif Vediyoo Makii fi Idiris Waraabdee maxxansita, Makiifi Raachuu gargar baasufi jettanii komii kaaftan Dhugaa Kana Beekuu waan qabdaniif isin hubachiisuf yaale Nagaan Turaa