Shamarran Kittaanuu ilaalchisee Sheik Amin Ibro

Sheekni keenya Kabajamaafi Jaalatamaan Yeroo hunda Qoosaa Babbareedduu fi Makmaaksa Oromootin Dabaalee Hadiisa Ergamaa Rabbii Ummata Qaraasisuun Beekamu Sheik Amin Ibro Jidduu kana Waa’ee Qulqulleeffannaa Akka Qeensa Murachuu, Rifeensa Bobaa Haaduu, Kittaannachuu fi kanneen biroo Irratti Baruumsa Ummataaf Kennan. Namoonni Vediyoo namaa Muranii Peejii guddifatuuf Waanuma itti tole godhan Vediyoo Sheik Amin Dhimma Kittaanuu Shamarranii Irratti dubbatan jidduu muranii kofla Irratti hidhanii deddeemaanii jiran.

Sheik Amin Ibroo Barsiisaa Amantii Islaamaa Beekamaa fi Qoosaan Ummata Booharsaa Barsiisu

Egaa Dhimmi Kittaannachuu Ilaalchisee Sheik Amin Ibro Barsiisan Shamarran irraahis Akka dubbatu Taasisee sheik Aminis Sirritti Waa’ee kanaa Irraa Ummata Hubachiise Vediyoo linkii gadirra jiru Guutuu dhaggeeffadhaa

Sheik Amin Ibroo Dhimma Kittaannaa Shamarranii fi Araadotaan Namoota qabamaniif Gorsa laatan

Sheik Amin Sagantaa Barsiisuu Kan Asrii Booda Ramadaana Kana Sababeeffachuun Ummata Barsiisaa Jiran kanaan Waa baayyee Dargaggoota Keenya hubachiisuun Akka Badiirraa Towbatanii ofii isaanillee fayyadan Irratti Gorsa Bareedaa Dabarsaa Jiran Keessaa Tokko Dhimma Namoota sigaaraa,Farsoo,jimaa fi Wantoota Araada Hamoo Namatti tahanii sammuu namaa jijjiiran irraa Baldhinaan Dubbatuun Wanti Sammuu Namaa Hadoochu Hundi Haraama Akka tahee fi Adabbiin isaa Guyyaa qiyaamaa Maal akka fakkaatus Himee Kanarraa Akka of eeganiifis Dinniina kennaafi ture. Sheik keenya Sheik Amin Ibro Umrii Nuuf dheeradhaa Galatoomaa Jechaanii Waliif dabarsuun Gorsa Isaa kana Ummata Biraan Akka geessan Kabajaan isin gaafanna galatoomaa Ulfaadhaa #Unitedoromia

Sheik Amin Ibroo https://youtu.be/NXj_uKKOGfM
Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment