Fakkeenya Qamalee Abiy Ahmed Kenneen Mufatan

Guyyaa Lama Dura Paarlaamaan Ethiopia Teessuma Taa’een Gaafii Baayyeetu MM Ethiopia Dr Abiy Ahmediif dhihaate. Kana Keessaa Tokko Gaafii Mootummaan Biyya Ijaaraa Jira jettan Malee Biyyi Diigamurratti Hojjataa jirtan kan jedhuufi Mootummaan Gaafiin Baayyinaan itti ka’ee gaafii ummataa Deebisuu dadhabe ammoo Aangoo gadlakkisa waan taheef Isin Aangoo gadilakkisuuf qophiidhaa Gaafi jettuutu Miseensa Paarlaamaa Kan paartii Abin Bakka Bu’uun filamerraa dhihaatef. Abiy Ahmed Akkana jechuun deebii kennuufii eegale

Abiy Ahmed Fakkeenya Qamalee Fudhatuun Deebii Gaafii Gafatameef kennuu eegale

Osoo Nuti Biyya Diigaa Jiraannee eenyutu nu dhaabaree? Manni Maree Kuni Yoo dagatellee Ummanni Ethiopia guutuun Rakkoowwan Biyya keenya diiguuf nu qunnaman,Akkamitti akka dura dhaabannee Biyya Keenya Akka Hin diigamne goone,Ummanni Guutuun Ragaadha. Kana waan taheefuu Nuti Biyya ijaaraa jirra Garuu Namoota Gaafii Akkasii Dhiheessan biratti dhugaadha Biyyi diigameera. Maalif yoo jettan Namni Sammuun isaa Diigame Waanuma biyyi diigame itti fakkaata waan taheef Sammuun diigame Akkuma waan biyyi diigametti yaada malee kana caalaa yaaduu hin dandahu waan taheef jechuun deebii itti fufaa

Fakkeenyi Abiy Qamaleen walitti hidhee deebii kenneef Jara Baayyee mufachiise.

Dhimma Yakkaa fi Aangoon wal qabatuuf gaafi ka’eef ammoo Abiy Ahmed Fakkeenya Qamalee Fudhatuun Deebii Gaafii Gafatameef kennuu eegale. Fakkeenyi Isaa Akkaataa Kaaba Biyya Hindiitti Qamalee Karaa salphaa taheen itti kiyyeessanii qaban Himuun Eegaleef. Haasa fi Akkaataa Qamaleen Itti qabamte kan agarsiisu Linkii gubbaa jiruun Dhaggeeffadhaa waliin gahaa yaada keessan Nuuf qoodaa Galatoomaa Ulfaadhaa Deebanaa isiniin jenna #Unitedoromia

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment