Obboleettiin Teenya Makfiraa muniwar yookaan Makii Oro Haalli Ishee Kan Duraan Keessa Turte yeroo Isheen Quraana Barachuuf Fedhiin Guutamte kana Namoota Hamilee Nama Buusaniin Akka Ofduuba Hin deebineefi Namoota Ramadaaniyyoota Namaan Jedhanii Akka Namni Hamilee muratuuf Namarratti Duula Banan ilaalchisee Gorsa Gabaabaa Kennite

Egaa Akka Makii Oro Jettetti Joollummaa Isheetti Quraana Qara’aa Akka Turteefi Sababa Yaadaan Quraanarraa Fagaachaa dhufteef Quraanni ishee jalaa galee Akka Dagattee yeroo quraana qara’uu feetu dogongora uumtu dubbatuudhaan, Amma Garuu gaafi Namoonni Baayyeen Akka Makii Oro Quraana Qaraatuf gaafataa turan ilaalchisee Akkasuma Fedhii Quraanaa kan Keessa ishee jiru waliin Yaada Ishee Madaaltee Quraana Qara’uuf Akka Karoorfattee jirtu dubbatte.
Akka Makii Oro Jettetti Ilma Namaa Tahee kan Hin dogongore Hin jiru. Qulqulluun Rabbi Qofa akka tahe himuudhaan Fedhiin Lubbuu teenyaa Akka Hamtuu Baayyee Nuti hojjannu Nu taasise jechuudhaan dubbattee, Kana Booda Garuu Hundi Keenya Karaa Ergamaan Rabbi Nu barsiisan qabannee Haa Hojjannuu jechuun Dhaamsas Ummataaf Dhaamte. Gama Biraatin Namoota isin Yeroo Ramadaanaa Qofa Hijaaba Uffattanii jechuun Ummata Hamilee Buusanis Akka Isaan Jechoota Akkanarraa Of qusatuu qaban gorsitee, Yoo Rabbiin Jedhame Hijaaba Akkanatti Nurraa Bareedu kana yeroo Ramadaanni Bahellee Uffannee Waan Gaggaarii Hojjatuu Itti fufna jechuun Ejjennoo qabdu Ummataaf himte. Gama Biraatin Akka Yeroo baayyee dannasuu jaalattu himtee Ummanni Kiyya Akka Rabbiin Amala Kiyya Kana Naaf sirreessu Du’aa’ii Naaf godhaa jechuunis Ummata Gaafatte akkasuma Namoota Nubiraa Gama Akhiraa Godaanan Rabbiin Saddeettan Jannataatin Haa qananiisu jechuunis Du’aa’ii Gootefi Jirti. Rabbiin Sirraa Haa jaalatu Nuuf Jaraadhu Jabaadhu Jennee Si Jajjabeessuu feena Jabaadhu Rabbiin Karaa Ofii Jaalaturratti Sihaa tissu Jenna. Yaada Keessan Katabuufin akka jajjabeessitan Kabajaan Isin gaafanna. Horaa Bulaa deebanaa.