Fedhiin Shamarran Keenyaa Nama dhiba Dhiirota Akkamii Fedhan?

Amalli Shamarranii Baayyee Gargar tahuu dandaha. Haa tahuu malee Filannoon Isaan dhiirota Filatuuf qaban wal fakkaatun Amaloota shamarranii baayyee walitti dhiheessa

Filannoo Shamarran dhiira Akkamii akka fedhan himuun filatanii

Shamarran Dhiira Amala qabeessa Bareedaa fi bifaan Hedduu diimaa hin tahin akkasuma Gurraacha hin tahinii fi Gabaabaa hin tahin kan Funyaan isaa dheeratu akkasuma Kan Hin furdanne kan Qaamni isaa ispoortiin guutame jaalatu. Haatahuu malee dhiironni akkasii takkee malee baayyinaan hin muldhatan. Tahullee garuu shamarran Dhiira akkasii akka Filannootti yaamu

Shamarran Oromoo dhiira Akkam jaalatu? Asirraa dhaggeeffadhaa

Dhiironni hoo shamarran Akkam jaalatan? Akka dhiirota baayyee yeroo isaaan Shamarran Jaalatanirraa dubbatan Dhagahetti Dhiironni Shamara Qalloo Mudhiin sonsaa tan Dabbaa qabdu osoo argatanii baayyee jaalatu. Shamarran Muudhii sonsaa Tan Hedduu hin qallanne Tan Hin furdanne tan Amala Bareedaa qabdu Yoo Magaala taate hedduu diimatuu baatte akkasuma hedduu gurraachomuu baattee Osoo argamtee Dhiironni baayyee jaalatan. Bara kana keessa Wanti Ati hawwitu Hundi guutuu tahee hin muldhatu. Shamarran Gariin Mudhiin sonsa taatee Bifaan Fokkotti yookaan Amalli ishii Fokkotaa tahuu dandaha. Yookaan Shamara Amala qabdu tan Qaamaan furdattu tahuu dandaha Kanaaf Fedhiin dhiirotaas tahee Kan shamarranii Yeroo hunda Filannoo Guutuu tahee hin argamu Kanaafuu muka Kanuma jiruun mana ijaaran jedha makmaaksi Oromoo kana waan taheefuu tanuma argattan qabadhaa waliin jiraadhaan dhaamsa keenya Nagahatti nuuf Oolaa Nagahaan nuuf bulaa Galatoomaa horaa bulaa. Yaada keessan Nuuf qoodaa galatoomaa Ulfaadhaa

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment