Namoonni Baayyeen Biyya keenya keessatti Guyyaa dhalootaa kabajachuu dhiisii Baraa fi ji’a akkasuma Guyyaa keessa dhalate hinbeeku. Haa tahuu malee Namoota tokko tokko Bara Mana diiggaa,Gaafa Ayyaana Iidaa akkasuma Bara Mootummaan abaluu Aangorra dhufe Waggaa tokkoffattifaa jechuun Guyyaa dhaloota isaani Kanneen Maatin Himaniif ni jiru. Egaa Kan linkii fi Suuraa Irratti agartan kuni Raachee tasfaayee yookaan Raachuu kan Hordoftoonni isaa jedhuun waamaniidha. Har’a guyyaa dhaloota isaati jedhamuun kabajataa jira.

Akka Raachuun jechuun Daawwattoota isaatif ibsetti Sababni ijoon Miidiyaa Irratti Bara dhaloota isaa kabajatuuf Murteesseef, ergan Livii seenuun ummata kana waliin walbaree Waggaa Tokkoffaa kooti. Ummanni kiyya kabaja Anaaf Malurra guddisanii jaalala naaf kennan Na ulfeessan,Giiftii naaf kennanii na jajjabeessaa akkan Ummata Duratti Beekkamtii horadhu na taasisan waan taheefuu ummata Kabaja naaf laate kana Galateeffatuufi guyya dhaloota kiyyaa Waggaa 27ffaa koo Kana Isaanin waliin dabaruufin murteesse jechuun Viidiyoo Gaditti agartan kanarratti dubbate.
Egaa Kunis Oromoon Bara dhaloota isaa beekee kabajachuu eegaluun Waan tokko jechuun akka jijjiiramni jiru Namoonni Dubbii jalaatin dubbatan tokko tokkos yaada kaasu. Hundaafuu Obboleessa keenya Raachuu Baga Dhalatte Ammas Umrii dheeradhu jechuu feena Nuuf jiraadhu Oromoon Aadaa Waljaalchuu Uumamaan qabu daran Muldhisuun Akka Addunyaan biraa irraa barattu taasisuu qaba. Galatoomaa Yaada keessan Nuuf katabaa Horaa bulaa deebanaa #Unitedoromia