Artii Oromoo karaa hundaan Haa guddifnuu!

Namoonni Dandeettii Drama Gaggabaabaa Barreessuu fi hojjatuu qabdan Akkasuma Vidiyoo Hoojaturratti Muxannoo Qabdan Appii Kana fayyadamuun Artii Oromoo Haa Guddifnuu.

Short Oromoo Drama Wadaay Atooraraa Bulee Guyyaan Hoteela seene Drama Kana Appii Plaatagoon jedhamuun hojjanne a

Akkuma Viidiyoo Gabaabaa Kana Agartan Drama Gabaabaa Akkanaa Kana Hojjatuun Hedduu salphaadha. Fakkeenyaaf Ani Drama Kana Yaalii jalqabaatin Hojjachuu Dandaheera. Appilikeeshiniin Drama Kaartoonaa kana Hojjadheen Platagon jedhama. App Store fi Play store keessaa bilbila keessan keessatti Buufatuun Akkaataa Salphaa taheen Hojjatuu dandeessu.

Suuraan Drama Appii pilaatagoon Keessatti hojjannerraa fudhatame.

Jalqaba Appilikeeshiniinerga buufattan booda Akkaataa Itti fayyadama isaa Fakkeenya pilaatagoon isiniif kaahee jira. Maallaqa Xiqqaa kafaluun Manneen fi Iddoo itti drama hojjattu Fudhatuu dandeessa. Fakkeenyaaf Ani Drama Kana Hojjatuuf Maallaqa Ji’aan Gara Qarshii Ethiopiatti Qarshii Dhibba takka hin geenyen kafalee Ji’a tokkoof Fayyadamuuf Bitadhe jechuudha. Egaa wantin jechuu barbaade walumaagalatti Namoonni Dandeettii Dramaa Hojjatuu qabdan Appii salphaa akkanaa kana fayyadamuun Artii Oromoo Karaa hundaan guddisuu keessatti qooda Muxannoo keenyaa haa Bahannuu isiniin jedha. Namoonni Akkaataa Itti fayyadama Appii kanaa Baratuu barbaaddan Yaada keessan Nuuf katabaa Nutis Muxannoo Appii kanaa Erga sirritti fudhanne booda Wanta Barannee fi akkaataa itti fayyadama isaa Takka takkaan Isin barsiisurraa Wanti Nu daangessu tokkoyyuu hin jiru. Unitedoromia’n Isin Barsiisaa Isin Bashannansiisa Chaaynaala keenya subscribe gochuun maatii nuuf taatanii akka nu hordoftan Kabajaan isin gaafanna Galatoomaa Ulfaadhaa

Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment