Maliif TPLF Shorarkeessummaa Jalaa Baha jechuun Abin fi Izeemaan Ibsa Baase

Guyyaa Kaleessaa Manni Maree Bakka bu’oota Ummataa paartii Abut yookaan TPLF Garee Shorarkeessummaa jalaa akka bahu sagalee caalamaatiin Raggaasise.

Paarlaamaan Ethiopia Garee TPLF Shorarkeessummaa jalaa Bilisa baase

Mana maree Bakka Bu’oota Ummataa Kanatti Kanneen Miseensa tahan Gareewwan Mormituu Izeemaa fi Abin Murteen Mana Maree kan Garee Abut yookaan TPLF Garee Shorarkeessummaa jalaa bilisa Baasuu kuni sirrii miti jechuun Ibsa baasan.

Paartiin Mormituu Izeemaa fi Abin Sababaa Manni Maree Garee TPLF Shorarkeessummaa jalaa bilisa baasef kana mormuun ibsa baasan.

Dura Buutota Garee Paartii Mormituu Abin fi Paartii Izeemaa

Dr.Biraanuu Naggaa Dura Bu’aa Garee Izeemaa fi Dura Bu’aa Garee Abin Dr Dassaaleny Caannee

Akka Ibsa Gareen Izeemaa fi Abin Baasan kanaan Manni Maree Bakka Miseensonni Paarlaamaa hundi hin jirretti Garee TPLF kana Bilisa Baasutti Gadduun Rakkoo Biyyattii kana keessatti Gareen TPLF kuni Gaggeessuuf malu akkasuma Kan kana dura Balleessanillee Paartiin Bilxiginnaa Itti gaafatamummaa fudhatuu qaba jechuun Ibsa isaanii kanaan Beeysisaniiru.

Paartiin Abin Fi Paartiin Izeemaa Murtee Paarlaamaa Ethiopia Mormuun Ibsa baasuu fi MM Ethiopia Abiy Ahmed Muudama Obbo Geetaachoo Raddaa Raggaasisuu

Torbaan Tokko Dura Obbo Geetaachoo Raddaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Tahuun garee Mootummaa Naannoo Tigraayin Filatamuun Kan yaadatamuudha. Akkaataa Waliigaltee Mootummaa fi TPLF kan Pritooriyaatti Mallatteessaniin Ammoo Muudama Naannoo Tigraayitti taasifamu kamuu Mootummaan Fedraalaa Raggaasisuu qaba waan taheef jecha, Guyyaa Arraa Misteerri Muummee Ethiopia Dr.Abiy Ahmed Muudama Obbo Geetaachoo Raddaa Kana Ifatti Raggaasisuun Guyyaa Arraa Miidiyaaleen Ethiopia Gabaasaniiru

Muummeen Ministeera Ethiopia Dr.Abiy Ahmed Muudama Obbo Geetaachoo Reddaa Muudama Mootummaa Naannoo Tigraay Argatee ture
Raggaasiseera.
Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment