Duraan dursee Baga Baatii Kabajamtuu fi Jaalatamtuu Ramadaanaatin Isin Gahe. Warra Guutuu Amataa Deebi’u Rabbiin Nuhaa Taasisu isiniin jechaa Waan Soomana Jechuun Tahee fi wantoota Soomana Furan Hamma tokko waliin haa ilaalluu.

Sooma الصيام
“Sooma jechuun Afaan Arabaati. Hiikkaan isaa Afaan keenyaan ‘Of-qabuu’ jechuudha. Akka shari’aatti Nyaata fi dhugaatii akkasumas waan sooma balleessan erga Fajriin bahee hanga Aduun Lixxuu yookaan seentee Azaanni Maghribaa azaanamutti Rabbiif jecha of-qabuudhaan Rabbii Guddaa, Qulqullaayaa fi Ol-ta’aa ta’e gabbaruudha. Murtiin isaas dirqama. Soomni Dalagaa Hamturraa Nama Dhoorga. Ergamaan Rabbii Nagahaa fi Rahmanni Rabbii isaanirra Haa Jiraatu(Sallallaahu aleeyhi Wasallam) akkana jedhan: -Soomanni gaachana ibidda irraa nama eeguu fi badii ykn cubuu dalaguu irraa nama tiksuudha,…” Sahiiha {Al-Bukhaarii: 1904} irraa odeefanne.
Egaa Soomana Yeroo Jedhamu Namoonni Gariin Waanuma Rabbiin Kan Gabbaramuu qabu Yeroo Soomanaa Qofa Itti fakkaata. Garuu Akkas miti Obboleeyyan kiyya. Rabbiin Kan Gabbaramuu qabu Waggaarraa waggatti Hamturraa Ofeegaa Rabbiin gabbaruu qabda jechuudha. Harkaanni islaamaa Shani tokkoffaan Rabbiin Malee Rabbiin Biraa Hin jiru Jettee Isa dhugoomsuun mohammed Ergamaa Rabbii tahuu Ragaa Bahuudha. Lammaffaan Salaata Salaatuu,sadaffaan Zakaa Baafatuu, Afraffaan yoo dandeesse Hajjii Dhaquu fi Soomana Soomanuudha. Harkaan Islaamaa Shanan Soomana Dabalatee Soomanuu qabda jechuudha. Soomanni Harkaana Islaamaa keessaa isa tokko fi waggaatti Ji’a Ramadaanaa Kana keessa Soomama. Haa tahuu malee Soomana Kana yoo Osoo Soomanaa Jirtutti Rakkoon si mudatte Yookaan Si dhukkubuu fi Imala dheeraafaa imaltee yoo Furte Yeroo Baatiin Ramadaanaa Dhumatte Baatii Biraa keessa Guyyaa Hanga Furte san Qadaa baafta jechuudha. Gama Biraatin
Wantoonni Yoo tasa Goote Soomana Kankee Balleessuu Dandahan Maalfaadha?
Kan Asii gadii kana sirritti dubbisaa
1 -Beekkumsaan warra ofii wajjiin rafuu (walqunnamtii saalaa taasisuu )
2 -itti yaaddee osoo beeytuu Fedhii ofirraa baasuu garuu Yoo Osoo Raftuu Manaabaan tahe Hin balleessu
3 -waa Nyaatuu yookaan Dhuguu Yookaahuu Yoo Irraanfataan Bishaan fi nyaatas nyaatte Soomanni Hin Badu jechuun sheekkotiin nu barsiisu
4 -Furuu Yookaan Erga Yeroon Furaa gahe Azaaname Yoo furte jechuudha Kuni Soomanaan Ooltee yoo furteedha malee Soomana kee balleesse miti Garuu Wantoota Sooma Furan yookaan Balleessan keessatti hirmaata jechuudha
5 -Qoricha afaaniin fudhachuu yookaan Yoo Si dhukkubee Dawaa Liqimsite jechuudha.
6 -Qoricha Funyaaniin fudhachuu Yookaan Funyaanitti of Naqxee Yoo Huuruu gahee Laaagaa seenee Sooma balleessa jechuudha
7 -Akii erga buqqa’e liqimsuu Yookaan Aaak jettee erga Akhii Guddoo ofirraa Buqqaafte booda deebiftee yoo liqimsite Ni fura jedhan sheekkotiin Akka Sheekkotarraa Dhagahetti Hancufti Afaan keessaa Kan bishaan Hin tuqin Sooma Hin furtu. Yoo laagaan jiifatte jechaadha.
8 -Oldeebisuu(haqqisuu ) yoo Osoo Beeytuu Nyaanni Narraa hin hojjanne jettee Quba Laagaa Ofkeessee Of Haqqisiifte balleessite jirta jechuudha garuu Akka tasaa Machooyteefaa fedhii kee malee yoo sirraa bahe yookaan si haqqisiise hin balleessu jedhan sheekkotiin garuu yoo beekaa dawaa fayyadamuun fi quba ofkeessee ofirraa baafte badeera.
9 -Aara dhuguu kanneen akka sigaaraa fi shiishaa
10 ol nannaquu aara beekkumsaan yookaan yoo Aara Sigaaraa fi shiishaa yookaan Nyaataa fi kan biroos Itti haajamteefaa fedhii keetiin Haraaraa kee fi beelafaa na baasa jettee ol ulatte
11 -dhiiga laguu yookaan Dhiiga Shamarranitti ji’aan dhufu Hanga Irraa qoorutti yookaan gogutti Soomanni ishee hin jiru jechuudha.
12 -Dhiiga da’umsaa yookaan Shamarran Ulfaa yoo dhiigni da’uumsaa itti dhufe jechuudha
13 -koobbachuu,inni koobuu fi ka koobees jalaa bada, garuu adillaa jabduun hin jirtu jedhan sheekonni muraasni
14 -dalaandalachuu ykn muummuruun dhiiga ofirraa baasuu yoo beekaa Of mumurtee ofirraa baafte jechuudha.
15 – dhiiga aay’ee baasuun yookaan Of mummurtee yookaan Midhaan sirra gahee jechuun Yaada kennatan sheekkotiin.
16 -kalee dhiqachuu namani yeroo kallee dhiqatu ofwallaala waan a’eef
17 -Dhiiga fudhachuu ujummoo dhiigaatiin
18 -Marfee akka soorataa fayyadamuu fkn glucose
19 -naman niyyatin soomana fardiitiif yookaan Galgalarraa Boru Nan soomana jettee Qalbiidhaan Niyyatuudha. Akka sheekkotiin Naa himanitti Gaafa Garii Niyyaa kana Dagachuu mala waan taheef gaafuma Jalqaba Soomanni Seenu Kana Ji’a Ramadaanaa Kana Guutuu Nan soomana Jedhii Niyyadhu Yoo Akka tasaa Irranfattef Gaaridha jedhan. Niyyaa Teenya nuuf Haa Bareechu.
20 -Niyyaa soomanaaf Niyyatte adda muruu yookaan Osoo Soomana Guutuuf niyyatte Jirtuu Jiddutti muruun osoo soomana hin fixin
21 -Waa beekuun namarraa deemuu yookaan Aqlii dhabuu Sammuun Shir tahuu yookaan Maraatuu akkasuma Dachiin siin zooruun gaggabuufaadhaan yoo Yeroo dheeraa sirra ture osoo gaggabarraa hin bayyanatin jechuudha
22 -Amantirraa garagaluu Amantii Islaamaa keessaa Bahuunis Akkasuma Soomana Fursiisanjechuudha
Egaa Obboleeyyan kiyya Kanneenifi Kan birootis Waan sooma Balleessaa kanarraa Of eeguun Niyyaa teessan Tolfadhaa Isiniin jechaa Baga Isiniin gahe baga Walumaan geenye warra Ji’a Kana Nagahaan Geeffatee baafatu nuhaa godhu Jabaadhaa Ramadaan Mubaarak isiniin jenneerra

🌙Ramadaan Kariim🌙For All Ikwatul_Muslim🙏
🤲🤲🤲Afoownaalillaah 🤲🤲🤲
Rabbiif Jecha Waan Walitti balleessineef Nu ofkolchaa waliif Dhiifama godhaa Waliif dhiisaa Galatoomaa Rabbiin Nurraa Haa qeebalu