Miseensonni Paarlaamaa Ethiopia Gamtaa Afrikaaf Xalayaa Katabe

Miseensonni Paarlaamaa Ethiopia kanneen Naannoo Oromia irraa Bakka Bu’uun,Bakka Bu’oota Mana Maree kana tahan Akkuma Kana dura Mootummaan Ethiopia Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) waliin Nagaha Buusuu qaba jedhee Gaafataa ture, wiixata Dabre Kanallee Gamtaan Afrika Dhimma Naannoo Oromia kana Ilaalchisee Mootummaa fi WBO Akka Walitti Araarsuf Xalayaa Barreessee Qaamaan Dhaabbata Gamtaa Afrika akka geessee Jiru Turtii BBC Afaan Oromoo waliin Taasisaniin Addeessan.

Akka Mootummaa fi WBO araarsuf Miseensonni Paarlaamaa Ethiopia Gamtaa Afrikaatif Xalayaa katabe.

Akka Miseensonni Paarlaamaa Ethiopia kunneen Xalayaa Irratti Barreessuun Gamtaa Afrikaaf dhiheessanitti,Kanaan Dura Mootummaa Fedraalaa fi TPLF Araarsuuf Gaheen Guddaan Kan Gamtaa Afrika ture. Akkasuma Goolama Naannoo Oromia Keessatti deemaa jiru kanas akka Laaltanii Giddu seentummaa Jaarsummaatin wal dhibdee Mootummaa fi WBO kana Araarsitan jechuun gaafatan jedha Gabaasni BBC Afaan Oromoo Baase.

Gamtaan Afrika Gidduu seenee WBO fi Mootummaa Araarsuu Akka Qabu miseensonni Paarlaamaa Ethiopia Gaafatan.
Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment