Oromoon Bara Duriitii kaasee Haara fi Seera Ittiin Bulmaataa Qaba. Akkaataa Sirna Gadaatin Heera Fi seera Baafachuun Seenaa Ittiin Bulmaata Sirna Gadaa Dhaloota Dhaalchisaa Har’a gahe

Oromoonni Ituu Turtii yeroo dheertuu Man-Bultii Odaa Bultumitti taasisaniin seerota Oromoon Baafattee ittiin Bulaa turte Qorachuun Wantoota sirrattuu qaban sirreessanii Kan Itti Dabaluun barbaachises dabaluudhaan Heera Malkaa Tirramuu jedhu Kan Gosoota Oromoo hunda Hirmaachiseen Raggaasifamee Hanga Arraatti akkaatuma Sirna gadaa kanaan Heerri Oromoon Ituu bara sana keessa wixineessan Kan Malkaa Tarramuu jedhamu kun Hojirra Oolaa jira.
Gabaabumatti Odaan Bultum Odaa Oromoo shanan keessaa isa tokkoo fi Quxusuu akkasuma Odaa Heeraan Hangafaa jedhamuun beekama. Iddoon Odaa Bultum Itti Argamu Godina Harargee Lixaa Aanaa Odaa Bultum Fageenya Xiqqoo Magaalaa Baddeessaa irraa fagaatee Jiruudha. Odaa BultuJalatti Heerri Malkaa Tirramuu Jedhamu Kan Oromoota Ituutin Wixineeffamee Gosoota Oromoo hundaan Raggaasifameedha. Sababa Heera Kanaati Odaan Bultum Odaa Heeraan Hangafaa Jedhamuudhaan beekama. Odaa shanan hafanirraa Wanti Adda taasisu Tokko isa kana akka tahes Hayyoonni seenaa dubbatu
