Abbaa Imaanaa Finfinnee Jedhamuun Namoonni Maqaa Masoo itti moggaasanii Yaamaa kan Turan Maammeen Guyyaa Arraa Osuma taa’ee Seenaa Bara jireenya isaa keessatti Isa mudaterraa Osoo Waa’ee Intala Harka Ceekurra Isa kaayatte takka himaa jiru Mudannoon Addaa Isa mudate.

Eegaa Guyyaa Arraa Maammeen Mana Asladdiin Mohammed yookaan Aslii Onnee Saba Oromoo Jedhamuun Kan Intarneeta Irratti namoonni baayyeen beekan livi Namoota Afeerun Mudannoo isaanii Gaafatuun Himsiisaa Ummata booharsaa ture. Yeroo kanatti Kan Presdaant Maammee jechuun Ofwaamu Seenaa isaa Ummataaf himuu eegale. Ummannis Gurra kenneefi ittiin booharaa Dhaggeeffata. Keessattuu yeroo inni Ani Ye Araadaa lijiidha ofiin jedhu baayyee itti booharuun waa’ee isaa yaadataa koflaan Dubbii inni dubbatu kana dhaggeeffata. Maammeen Haasaha isaa itti fufuun Akka intalli takka Harka Ceekuu isaarra kaayatte dubbata. Anis Harka Narra kaayatuu ishee kana osuman arguun haala mijjeessefi daranuu tottofattee keessa isheetti Mucaan Ye Araadaa lijiidha jechaa Dhaabataa Osoo jirtu Ani Harka ishee kana Fuudheen akkuma inni jedhetti Haati warra isaa shaayii danfifteefii dhufte Fiddee kennuufif jennaan, Maammeenis Irraa fudhatuuf harka laate. Gidduu kanatti Barraadaan yookaan feermuuziin shaayii maammee harkaa Lafa Bu’uun Caphee Shaayiin oowwituun Maammerratti gadi naqamee uuy jechaa fiigee miila isaa ilaalaa jira.

Taatee kanatti kan Koflan Namoonni Isa waliin Livii sanarra jiran kanneen Akka Aslii Akka Qoricha itti dibu ajajuun dibataa Jira. Yeroo kana booda maal jedhe Yaada isaa linkii kanarraa dhaggeeffadhaa
Eegaa Maammeen Yeroo baayyee qoosuun beekama. Qoosaa isaa keessatti Obboleessa isaa Mubaarak Musammaa Akka waan jibbuutti maqaa isaa Bakka baayyeetti yaama. Eda galgala Mana Makii Oro Osoo seene haasahu Maqaa Mubaarak Kaafnaan Makiin Lolteenii Dhiisi Maqaa namaa Asitti hinbyaaminii kuni Mana kiyya malee mana kee kan livirratti Jaartii kee kiisii gootu sana miti isheen jennaanin Maammeenis Makii Ati Kiisiingii ni jaalattaa jennaan Makii Oro qaanfattee Maammee buusuun itti koflaa turte. Sana boodas Galee Akka Ye araadaa lijii tahe himeefii Firijii mataan seenee Appilii fudhachuun Namoonni Gariin Akka kiyya kana ye Araadaa lijii taana jedhanii Firijii mataan seenuuf taa’u Jechuun Ummata kofalchiisaa ture.
