Qabsaan duraanii Obbo Raayyaa Abbaa duraa Abbaa Garoo Dhimma Araara Mootummaa Ethiopia fi Waraana Bilisummaa Oromoo ilaalchisee yaada kaasen,Araarri Ummata keenyaaf bu’uu akka qabuu fi Waldhabdeen kun Yoo araraan furame Ummanni keenyas haara galfata Kanaafuu Dhimma Araara Buusuu kanarratti Hundi keenya Haa Hojjannuu malee gareetti wal qoonnee walirratti duuluu kana haa dhiifnuu jechuun dhamsa dabarfate.
Nageenya Kan jibbu seexana qofa jechuun Namoonni yaada kaasaa jiran Baayyeedha. Akka Namoonni Baayyeen jechaa jiranitti Ummanni Keenya Yeroo dheeraaf Sababa Oromia keessatti walitti bu’iinsi WBO fi Waraana Mootummaa hammaatef,Ummanni keenya Ganna Lamaaf sadi qalbii takkaan hin qotanne kanaafuu Haalli Ummata keenyaa Kuni Gara fuula duraatti Yaaddessaadha. Kanaafuu Mariin Araara Mootummaa fi WBO Gidduu Hundumti keenya Akka deeggarru Jechuun Waamichi dhihaataa jira
