Makii Oro Akka Raachuuf jecha Wareegamtu himte

Yeroo Jalqabaa Akkuma Taphaatti walitti dhufan. Amma Dubbiin Jaalala Makii oro fi Raachuu Gidduu Gara Dhugaatti waan jijjiirame fakkaata. Tapha Kaleessa Aslii onnee sabaa ,Baaliyaakee,Raachuu fi Makii Oro tahanii Taphatan Kanaan Makii Oro Nama Raachuu Ishee jalaa tuqu Akka Waan dandeessu hunda gootee dhoowituu fi Raachuuf jecha Wareega kafaltu dubbatte

Suuraan Makii Oro,Aslii Onnee sabaa fi Raachuudha

Sababni Makii Oro Dallantee jecha Sana Dubbatteef,Raachuun Komantii Intala takkaa irra deddeebiin Dubbisee Makiidhaaf Himaa ture. Intalli Akka Jechuudhaan Raachuudhaaf Komantii Barreessitetti,Raachuu Sin jaaladha. Yeroon si arge onneetu Na dhahata,dhiheenyatti akka walfuunu kakadheen sitti hima jechuun irra deddeebitee katabnaanif, Raachuun Makiitti himaa ture Wanta isheen Katabdu hundumaa. Dhumarra Sababa Sin Jaalaladha isheen jetteenif Maali jechuudhaan Makii Orotti himte. Makiinis Raachuu Sitti himee miti Ani Siif jecha Qeerroo hiriira baasisee Biyya guutuu Kuffisuu dandaha. Siif jecha Hamma Lubbuuttis wareegan kafala jechuun dubbattee ummanni baayyinaan itti koflaa ture

Makii Oro fi Raachuu

Taphni isaan Guyyaa kaleessaa taphatan Guutumatti kan Hinaaffaa Jaalalaatin guutame jennee fudhatuu dandeenya. Intala Kiduu jedhantu takkaasu Aslii Onnee sabaa Waliin Tahuun Raachuu fi Maakii Morkatan. Yeroo Tapha moohatanitti, Makii Fi Raachuun Akka Adabaman Gaafatan. Raachuun Akka Maakii Jibbee jiruu fi Akka Hin jaalanne akka Dubbatu Adabbii Fudhachiisan. Kana Qofa Miti Rachuun Akka Intala Kiduu Jedhamtu tanarraa jaalalli qabee jiruu fi Osoo Ishee waliin jiraatee maal akka gochuu qabus boraatii Irratti Nutti Agarsiisaa Maal Akka gochuu qabu fakkeenya fudhachiisanii Makii Oro Hinaafsisanii Makiin Lolaa turte.

Suuraan Makii Oro,Raachuu,Aslii fi Kiduudha

Daawwattoota isaan deeggaru Baayyee booharsaa bulan. Miirri Makii oro yeroo ilaalan Dhuguma hinaaftee lolaa akka jirtuutu irraa muldhata. Dhumarra Makiin Raachuu Shamarran hoggaa agarte Ija hin laafin jajjabaadhu Jechuunis gorsaa turte akka Miskiina tahes ummataaf himte. Linkii guutuu tapha isaanii Unitedoromia jalaa kutaa 29ffaa Dhaggeeffadhaa Jalarraa kan muldhatu Linkiin isadha.

Kutaa 29ffaa Makii fi Raachuu Kanaan Makiin Raachuudhaaf jecha akka Wareegama kafaltu dubbatte Dhaggeeffadhaa Ittiin booharaa
Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment