Tapha Gabaabaa Makii Oro,Raachuu fi Asliifaa giddutti taasifame kanarraa wanti hubatamu Makii Oro fi Raachuun Jaalala Daranuu Mi’eessuun Ummata isan jaalatu Qalbii hawwatan.

Akkuma suuraa kana irraa argitan Makiin Yeroo kofla jaalalaan Guutame kofaltuutu muldhata. Sababni akkas ishee koflachiise maali jechuu dandeessan,Raachuu fi Makiitu Wal tahee Suuraa Raachuu fi Makii tan Namoonni Walitti hidhanii walbira kaayan takkaatu jira Suuraan sun waan itti bareedef Asliin profile irra akka godhatu taasisan. Asliin Dubbiin profile isaa Suuraa Makii fi Raachuu Irra keewwachuu kuni baayyee dallansiiseera fakkaata. Haa tahuu malee Adabbiidha waan taheef dirqamee suuraa sana profile irra keewwate.

Daawwattoonni isaanii Yeroo kana argan Miira Gammachuutiin guutaman. Daawwattoota qofa miti Makii fi Raachuunis Onnerraa jaalatanii Fuulli Isaani Gammachuun guutame. Jaalalti isaanii Dabalaa deemuu agarsiisa jechuudha. Walumaa galatti Daawwattoonni Isaani Jaalala Isaan wal agarsiisaa dhufan kanatti baayyee Gammadoodha itti Booharaa jiran. Linkii gadii kanarraa Guutuu Tapha isaanii daawwadhaa