Drama Kanaan Haadha Warraa Tifii Abbaa Warraa Tokkootu Ture.
- Haati Warraa Amala qabeettii Bultii ishii Jaalattudha. Yeroo Hunda Mana Keessaa Waan Maatiin Ishii Barbaachisu hunda Gochaa Jireenya isaanii Kana Daranuu Bareechuuf Tattaafatti.
- Abbaan Warraa Ammoo Jireenya Mana Keessaa Kanaaf Hin dhimmamu. guyyaas Yeroo silaa Hojii Ooluu qabutti deemee Mana shiishaa oola.
- Haati warraa isaa tun Osuma Mana Qulqulleessaa jirtuu Rakkoon Yookaan Haajaan tahe wahii Ishee mudata. Haajaa yookaan dhimma ishee kana Ammoo Abbaa warra ishee waliin deemtee Bahachuu Feetee Bilbilteefi Yeroo muraasaaf Akka dhufu gaafatti.
- Abbaan Warraa Kuni Ka silaa Bakka Hojii jiraatuu qabu Inni Mana shiishaa jira. Yeroo Bilbila Haadha Warraa isaa jalaa kaasu Bakka Hojiin Jira Jedhee sobee akka dhufuu hin dandeenye himaaf.
- Haati warraa Sagalee shiishaa biraa Iyyuu dhageessi. Sagaleen Shiishaa Iyyu bakka hojii sana irraahiiree? Jettee Gaafii Abbaa warraatif dhiheessiti.
- Abbaan Warraa ishee Kunis Narratti Beeyte jirti jedhee dafee Mala baafata. ilaa Haadha warraakoo Motoor saaykilii tokkotu Amma Asiin Nabira gadi kute santu sagalee shiishaa sitti fakkaate jennaan.
- Haati Warraa tuni Gara laafettiidha kana caala Hin salphisuu yookan Dubbii jala hin qotu jettee Tole hayyee Kophaa koo Yoon Dandahe Dhimmicha deemeen sirreeffadhaa Yookaan Hamma Ati Dhuftuu sin eega Waliin Galgala sirreessina jettee bilbila Irraa Cufatti.
====
Erga Xiqqo Hojii manaa kan qulqulleessaa jirtu xumurte booda Osoo Abbaa Mana ishee kana eeydu galgalli gahe. Abbaan Manaa ishee ammallee Hin Galle Halkaniin Deemee Mana Xajjii Yookaan Mana farsoo dhaqee achi jira.
eeydee hifannaan Rakkattee Maaltu Mudatee Akkana ture jechuun Yaaddee Bilbiltiif.
- Akkuma Kaatee Bilbilteen Abbaan Warraa Ishee Machaahee Jira. Akkuma Bilbila ishee Kaaseen Heloo Joobiree too Jedhee Maqaa intala Ollaa Mana Isaanii Takka Yaama.
- Aaahaah Tami Ammoo Joobireen Jechuudhaan Haati warra isaa Gaafi Gaafattee jennaan
Sihii edaa Giiftii koo Jedhe dubbiin Huhudhamaa ( Akkaataa Namni Machaahe itti haasahutti) - Haati warra isaa Amma Cadhii yeroo dhufte wal gaafannaa Eessa jirta jettiin
- Abbaan warra Ishee Kunis Machaahe jira waan taheef Yeroon waan deeme Itti hin fakkaatu
Bar Osoon Gara Manaa dhufaa Jiru Mana warra Haadha wasanee Kanatti Ol goree achi jiraa Jedheen Qaruuraa Farshoo Harkatti qabatee. - Haati warra Isaa Amala isaa waan beeytuf Cinqamtee ofiin lolaa Kijiba Machooytee Jirtaa Anoo eegee si dhabnaan Ammuma Haadha Wasanee Bira dhaqee si gaafadhee dhufe Bakka Jirtu Himi jennaan!
- Abbaan warra ishee Kuni Hedduu Machaahe Jira waan taheef Anoo beeku Yaa giiftii koo Jedhee Saahiba Waliin Dhugan tokkoon eessan jira Jennaan Sahibni isaatis Duutetta Amma Maqaabirii jirta jedheen itti qoosaa deebiseef Heloo Giiftii koo Du’een Maqaabirii Bira jirta Naan jedhan jennaanin
Haati Warra isaa Tunis Eeyyeen dhugaa isaat jedhe Ati Osoo jirtu duutee jettee irratti cufte
Dramaan Gabaabaan dhumate.