Dorgommii Oromo Comedy Kan Gareen Hiriyaa Jaalalaa Obbo Haroodhaan durfamu Hundeessan Hojii Bareedaa Ummata Bashannansiisaa,Baraiisu eegalanii turuun kan yaadatamuudha Akkaatuma kanaan Marsaa Kana Kan Comedy Hiriyaa Jaalalaa Kanarratti Hirmaatuun Dorgomtoota Hunda injifate Artist Nuuraan Misbaa jedhama. Yeroon Isaan biraa Walakkaa Halkanii dabree jiraatus Garuu Jabaatee Hirmaannaa taasiseen Injifatee Badhaasa Doolaara Dhibba Lama Kan Garee hiriyaa Jaalalaatin dhihaate Dabalatee Namoonni Hojii isaatti Gammadanii fi isaaf Hamilee tahuuf jecha Daawwattoota keessaa Namni Kama Dabalataan Doolaara Dhibba Afur Badhaasanii jiran.

Akkuma Kanaan Dura Yeroo Garagaraatti hirmaatuun Diramaa Gabaabaa Hojjatee Comedy Hiriyaa Jaalalaa kana yeroo lamaaf kan injifate Obbo Mubarak Musammaa Dorgommii isaa kan Nuuraan waliin taasise kanaan Qabxii tokkoon injifatameera. namoonni Isaan Waliin Dorgommii kanarratti hirmaatan Baayyeedha haa tahuu malee Mubaarak Lammaffaa bahuun yoo xumuru,Artist Nuuraan Garuu Tokkoffaa tahuun Badhaafameera. Dramaa Gababaa dhiheessan Kana guutuu isaa linkiin Jala jiru Chaaynaala Unitedoromia irraa Bifa qulqullina qabuun isiniif dhihaate. Dhaggeeffadhaa waliin gahaa galatoomaa Oromoo
Funny Oromoo comedy Dramaa Gabaabaa Afur Dorgommii hojjatan Ergaa guddaa dabarsa nama kofalchiisa Ittiin Booharaa Waliin gahaa galatoomaa
https://youtu.be/0070DIaClY0
https://youtu.be/0070DIaClY0
Drama Kanaafi kanneen Kana dura isin dabran hundumaa argatuuf Chaaynaala keenya Unitedoromia Jalaa Argatuu dandeessan Dhaggeeffadhaa Waliifis dabarsaa Galatoomaa
