Shamarran Funyaan Uratuu Jaalatu Makii oro fi Raachuu

Tapha Kofalchiisa Makii Oro,Raachuu,Baaliyaakee fi Haadha faaxee waliin Tahuun Taasisan kanaan Yeroo Makii fi Raachuun Moohatanitti Akka Baaliyaakee fi Haati Faaxee wal janajanan Ajajamanii Koflaan Ummata Garaa bilcheessan.

Suuraan Kan Makii Oro,Raachuu,Haadha Faaxee fi comedian Baaliyaakee

Jalqaba Tapha Kanaarratti Raachuun Makii Oro Gaafatee Maalif Funyaan Uratta Jechuun Makiidhaan Lollaan,Makiin Itti qoosaa jirti Lakkii Hin Urannee Forora gurraa isa caphen Beekaa funyaanitti Kaawadhe jechuun Deebifteefi akka Irraa bareedu Raachuu gaafatte. Raachunis ani dura Osoo Nattin himin Uratte jedheen Gadde jechuun Dubbatee Itti kofle

Suuraan Makii Oro fi Raachuudha

Taphni Gareedhaan Taphatan Kuni Miira Daawwattoota Harkisa,yoo Adabbii Ummata kofalchiisufi booharsu qabaate. Akkaatuma kanaan Makii fi Raachuun Adabbii Argatanitti fayyadamuun Akka Baaliyaakee fi Haati faaxee Walajanajjanan gaafatanii Haati Faaxee fi Comedian Baaliyaakee’n wal janajjanuu eegallaan Daawwattoonni isaanii Koflaan Dachii Imoojii qofa godhan. Linkiin jala jiru Viidiyoo Tapha kanaati Dhaggeeffadhaa waliin gahaa

Makii Oro Raachuu fi Baaliyaakee akkasuma Haadha Faaxeeti

Tapha Isaanii kana keessatti fedhiin Namoota Raachuu fi Maakii Daawwatanii Osoo Isaan Akka Jaalallootatti Waljanajjananii Fedhan Garuu Isaan Akka isaan fedhanitti Jinjanaa hin taasisfne Wal sodaatu kanaaf Kophaa isaanillee Tapha Akka duraanii taphatuu dhiisanii jiran. Tapha garee namoota Afuriin taphatan qofarratti hirmaatanis Miira jaalalaa fi Ija Jaalalaatin wal ilaalu Wal xaqqasuu fi waliif sirbuun Ummata Isaan jaalatuun booharsaa jiran Yaada keessan jalatti nuuf katabaa Galatoomaa Waliif dabarsaa#Unitedoromia #MakiiOro #Raachuu

Makii Oro fi Raachuudha Suuraan
Unknown's avatar

Author: United Oromia

United Oromia is an Oromian Online Entertainment video creator.

Leave a comment