Gareen Deeggarsa Hegereef Guyyaa Arraa Ummata Isaanii Kan Booranatti Balaa Hoongeen miidhame Deeggarsa Ummatarraa Walitti Sassaaban midhaan Nyaataa Nama Kuma kudhanii Boorana Geessuun Kan Nama kuma shanii Gujii Bahaattii Akka Raabsamu Taasisaniiru. Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa Dabalatee Gareen Deeggarsa Hegereetin Durfamu Kanneen Akka Ustaaz Kamil Shamsuu fi Ustaaz Sufiyaan Midhaan Nyaataa Kan Fe’achuun Gara Booranaa Imalanii Haala Ummanni Keenya Booranaa Keessa jiruu fi Rakkoo Isaan mudate Qaamaan Deemanii yeroo ilaalan,Haalli Achi jiru Yaaddessaa tahuu dubbatan.



Akka Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa fi Ustaaz Kaamilfaan Ija isaanitiin Arganitti Ummanni Keenya Booranaa Hoongeen miidhamuu irraa Kan ka’e Loowwanii fi Re’een Ummata Keenya Booranaa Jalaa Dhumatuu qofa Osoo hin tahin Bakki Isaan Jiraatan Namaa fi miti Bineensaafuu Waan tahu miti jechuun Jireenya Ummata keenyaa dubbatanii Ummanni Keenya Oromoo Obboloota keenya Oromoota Booranaaf Hundi keenya waan dandeenyuun Haa Dirmannuu jechuudhaan Waamicha Ummata Keenya hundaaf taasisaniiru



Kabajamtoota Ilmaan Oromoo Guutuu Addunyaarra Jirtan Yoo Isiniif Mijjate Obboloota keenya Booranaatif Waan dandeessaniin Tumsuu fi Sagalee akka Taataniif Waamicha isiniif dhiheessuu feena. Komiin Nama Hojjatutti Baayyata Waan taheef Komii Namoota Namarratti duulaniif gurra Hin Laatinaa,Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaafaan Kan Halkanii fi Guyyaa Jireenya isaanii guutuu Dhiisanii Ummata Kanaaf hojjataa jiranuu Namoota Hojii hin qabneefi Hamilee Nama buusuuf hojjataniin Komatamuu Jalaa hin baane. Haatahuu Malee Hin dadhabinaa Jechuun Ummata isaanitiif Kana caalaa Akka Hojjatuuf Jiran Ustaaz Raayyaan Dubbatan Linkiin Gaditti argitan Kuni Haala Ummata Keenya Booranaa Isaan Qaamaan deemanii daawwatan kan ibsuudha Dhaggeeffadhaa waliin gahaa galatoomaa Oromoo Unitedoromia